Qabsaa’aa Malkaamuu Dagaagaa duan boqote

Qeerroo Beegii irraa
=====================
“Akkam jirtu?
Seenaan gootaa yoomuu hin dagatamuu hin qabu. Gootni keenya Malkaamuu Dagaagaa jedhamu jiraataa aanaa Begii ganda Hofaa Koobbaree ture. Bakki dhaloota isaas achuma yoo ta’u kan addunyaa kana irraa boqote bara 2013 ture. Gootni kun hacuuccaa lammii isaa ga’aa tureef ijoollummaa isaa irraa eegalee hedduu nama quuqamaa tureedha. Haaluma kanaan bara 1980 keessa qabsaa’ota oromootti dabalamuun lola garaa irratti hirmaachaa tureera. kessattuu WBO wajjin kutannoodhaan diina lolaa nama tureedha.

Erga waraana irraa gara maatiitti deebi’ees qeerroof hawaasa oromoo naannoo isaaf maalummaa saba oromoof akkamitti walabummaan dhufuu danda’u hubii kennaa ture. Keessattuu kan nama ajaayibu jireenya isaa keessatti waa’ee mataa isaaf osoo hin taane waa’ee saba isaaf nama dhukkubsatu ture. Ana mataa koo ijoollummaan kan maalummaa saba kiyyaaf qabsaa’uu akkan qabu kan hubaachiise isa ture. Yeroo ammaa kanatti maatii isaa dagachuu hin qabnu hawaasa naannoo isaatiin Jenna. Akkasumas seenaa qorachuun barreessitanii akka galmee seenaa nuuf yaabsiftan qeerroo dhaloota qubee ta’an ammaa kanaan jechuun barbaada.
Qabsaa’aan du’us seenaan isaa hin du’u.
dhaamsa kana nuuf dabarsaa adaraa.
Qeerroo Begii irraa.
Horaa bulaa.”