Hiika Alaabaa fii Asxaa sirna gadaa keessatti

Hiika Alaabaa fi Asxaa Oromoo Sirna Gadaa Keessatti

* * * * * * * *
Odaan asxaa Oromooti. Bulchiinsa Sirna Gadaa keessati Bokkuufi Faajjiin ykn Alaabaan mallattoo aangoo olaanaati. Bokkuun mallattoo mootummaati. Sirna Gadaa keessati iddoo olaanaa kan qabu Abbaa Bokkuuti. Odaan tokkummaafi Dimokraatawaa saba Oromoo bakka bu’a. Innis akkuma alaabaatti sirna Gadaa durii irraa akka maddudha barreefamni Sirna Gadaa Oromoo jedhuu intarneetii irraa arganne kan mul’isu.


Alaabaan mallattoo seera Walaabuu ykn Walaabummaati. Akkasumas mallattoo bilisummaa biyyaa Oromooti. Seera Walaabuu jechuun seera dur durii Oromoon tumatee ittiin of bulchaa ture malee isa jaarraa 15ffaa keessa Madda Walaabuutti haaromsame miti. Hawaasni tokko seera tumatee kan ittiin jiraatu yoo walabummaa qabaateefi eenyummaan isaa kabajameedha. Alaabaan sirna Gadaa durii halluu (bifa)fi hiikaa mataasaa qaba. Halluun alaabichaas tartiibaan Gurraacha, Diimaafi Adiidha.
Hiikawwan buufata halluu alaabaa
A. Hiikni buufata halluu Gurraacha: Olaantummaa Waaqati. Oromoon Waaqni gurraacha jedheeti amana. Huurriin bokkaa qabu guraacha, qaroon ijaa, illi (agartuun) gurraacha. Gurraachi kabajaaf angafummaa, badhaadhummaafi waan hedduu of keessaa qaba.
B. Hiikni buufata halluu diimaa: Ga’anii, bilchaatanii, guutanii argamuufi gootummaadhaan mirga lammiitiif wareegamuu bakka bu’a. Waanti hedduun yeroosaa eeggatee ga’uufi ija guutuu isaa agarsiisa.
C. Hiikni buufata halluu adii: Xumuramuu yookiin raawwachuu agarsiisa. Hurriin rooba hinqabne adiidha. Dabbasaan (rifeensi) nama dulloomee harriin adiidha, daaraan adiidha, lafee gogaan adiidha. Kanaaf adiin mallattoo raawwachuu ykn xumuramuuti.
Akkasumas Sirna Gadaa keessatti alaabaan Oromoo Asxaa Odaa magariisafi urjii shan of irraa kan qabudha. Hiikni isaas, Odaan mallattoo araaraa, dimokraataawaafi tokkummaa saba Oromooti. Urjiileen shan immoo, wiirtuuwwan Odaa addaddaa (Odaa Nabee, Odaa Bultum, Odaa Bisil, Odaa Roobaafi Odaa Bulluq) ykn caasaalee shanan Oromiyaa bakka bu’uu ni mala.


Maalummaa Odaa
Aadaafi seenaa Oromoo keessatti Odaan akka madda nagaafi mallattoo eenyummaa, tokkummaa ummata Oromootti ilaalama. Faayidaa amantiifi siyaasa Oromoo keessatti qaburraa kan ka’e Odaan mukoota jiran keessa baay’ee kabajamaafi eebbifamaadha. Umriin isaas dheeraadha. Uumamaan lalisaa ta’ee bifti isaa harbuu ykn qilxuu fakkaata. Muki kun yoo caamsaan dheeratelle hingogu. Kana malee uumamaan lafa jala bakka bishaan ykn jiidhina qabutti biqila. Guddinni isaa hanga tokko ol ka’ee dameen isaa waan waggaa waggaan dalga dagaaguuf bal’atee gaddisa ta’uun namaafi looniif madda qabbanaati .
Gaaddisni Odaa iddoo itti Ayyaanni Muudaa raawwatuufi miseensonni Gadaa sirna Ayyaana ce’umsaa itti sirneeffatanidha. Galmi Abbaa Muudaafi teessoon Abbootii Gadaa Odaa jalatti ijaarama.
Walumaagalatti halluuwwan sadeen akkasumas asxaan Oromoo Odaan Sirna Gadaa Oromoo keessatti dur irraa kaasanii tajaajilarra oolaa kan turaniifi hanga yoonaattis ulfinaafi kabaja isaanii eeggatanii ibsama Oromoo ta’aanii kan itti fufaniidha. Oromoon marti hiikawwan halluufi asxaa alaabaa isaa beekuun jaalala olaanaadhaan kunuunsee yoonaan ga’eera. Dhaloota dhufutti dabarsuufis hiika isaa beekuurra darbee wareegama itti kanfalame yaadachuun seenaa isaas dhalootaaf dabrsuu qaba Jenna