Kora wayyaanee irraa maal hubanna

Kora Wayyaanee irraa maal hubanna?

Wayyaaneen tarii walgahii dheeraa fi nuffisiisaa akkasii teessee hin beektu. Yoo xiqqaate kora miilanaa kana guyyaa 50f taa’an. Kora isaanii kanaan maal akka murteessan fuulduratti kan ilaallu ta’us ammaaf qabxiileen armaan gadii kun waan qabatamaadha.

– Garee lamatti walqooduu isaanii: Aksuum vs Adwaa

Garee lamatti walqoode kanaan warri Adwaa olaantummaa mirkaneeffatanii jiru. Gareen kun Geetachoo Asaffaatiin hoogganama. Asumaan Abbaay Walduu fi Bayyanaa Mikiruu aangoo isaarraa kaafamanii jiru. Azeeb Masfin yeroo miseensummaan ishee ugguramee jira. Akka odeessi keessaa mul’isutti Azeeb Masfin miidiyaan dhiifama yoo gaafatte gara miseensummaatti akka deebitu gaafatamtee jirti. Kunis sirna dhabummaa isheen kora sanarratti agarsiiftee fi paartii sanaaf bitamuu diduu isheetti yoo gaabbitee dhiifama gaafatte akka ta’edha. Gama biraan Samooraa Yunuus yeroo dhihootti aangoo isaarraa kaafamee General Mashoo kan jedhamu, kan bahatti lubbuu ummata keenyaan taphataa jiruun bakka buufama. Samooraan kaafamuun olaantummaa warra Aksuum guutummaa guutuutti cabsa.

– Sabboonummaan Tigraay Hattootaan bakka buufame

Gareen Abbaay Walduu sabboonummaa Tigraay irratti qoosaa hin qaban ture. Namichi faayidaa Tigraay dabarsee kan hin kennine, malaammaltummaa fi hannaan qabeenya kan hin horanne, faayidaa siyaasaaf jecha araara Ertiraa waliin yaalamaa ture kan didedha. Abbaay Walduu garee Finfinnee taa’anii wal ijaaruun qabeenya biyyattii saaman, maqaa ummata Tigraayiin daldalan sana ifatti himataa ture. Ilaalcha isaa kanaan dargaggoota muraasa ofitti hawwatus, dadhabina hojii agarsiiseen akka malee tuffatame. Gama biraan namoonni olaantummaa argatan kun hattoota, yakkamtoota lubbuu ilmaan Oromoo galaafatan, qabeenya Oromoo akka malee saaman, ummata biyyattii akka malee jeeqan, Oromoo fi Sumaalee gidduutti lola hin dhaabbanne labsan, Oromoorratti lola dhaabbataa labsan yakkamtoota harka dhiigaa ti. Jaroonni kun olaantummaa argataa dhufuun fuuldurattis lubbuun ilmaan Oromoo garmalee galaafatamuuf deema, qabeenyi isaas akka malee saamamuuf jira, nageenyi saboota biyyattiis balaarra bu’a.

– Aangootti dhufuu Fitaalawarq Gabre’Igzaaber (aka Monjerino)

Fitaalawarq Monjeerinoo waggaa dheeraaf caasaa tikaa dhokaa Kaazanchiis irraa bobbaafamu hoogganaa turte. Caasaan kun ‘Mootummaa Kaazanchiis’ jedhama. Sababa maqaan kun Mallas Zeenaawwii caasaa tikaa hundarra odeeffannoo caasaa kanarra argatuun murtii kennaa waan tureefi. Booda keessa keessa Mallas ishee ari’e. Dubartiin kun ergasii gahee olaanaa qabaataa hin turre. Bara darbe Hayilemaariyaam Qindeessituu Ijaarsa Caasaa Diimokiraasii Magaalaa jedhee ishee muudee ture. Dunartiin kun akkamiin aangootti dhufte? Maal godhuuf deemti? kan jedhu fuulduratti ilaalla.

– Caasaan Tikaa olaantummaa gonfate

Caasaan tikaa olaantummaa gonfateera. Kana hunda duuba taa’ee kan oofaa fi qindeessaa ture Geetaachoo Asaffaa ti. Dabretsion caasaa tikaa kanaan aangoo isaa ol jabeeffatee Finfinneetii dhiibbaa akka uumu, Fitaalawarqi Maqalee teessee haala jiru akka to’attu, caasaan waraanaa tikaan akka jabaatu waan irratti waliigalamedha.

– Mul’anni Mallas Awwaalameera

Waggaa shan dura Azeeb Masfin dirree Xiyyaaraa Booleetti “Sireen kee duwwaa ta’e! Sireen kee ni one!” jettee boosse reeffa abbaa manaa ishee saanduqa reeffaa keessatti ilaaltee. Sana booda Samooraa Yunuusitti rarraatee, “Sireen isaa duwwaa ta’e!” jette. Samooraan faa sireen Mallas duwwaa hafus mul’anni isaa akka itti fufuuf heddu dhaama’an. Mul’anni kijibaa sun qabsoo Oromootiin karaatti hafe. Kora wayyaanee kanarratti ammoo mul’anni sun daran awwaalamuu mirkaneesse. Jarooattiin guyyaa 50f suuqatti ruuqamtee wal sukkuumaa turte sun mul’ata Tigraay jabduu ijaaruun haa hafuu ti lubbuun jiraachuuf iyyuu wabii hin qabdu. Geetaachoo Asaffaa gola taa’ee shira qindeessuu yoo ta’e malee kana booda shira isaa akka Mallas Zeenaawwiitti kan galmaan gahuuf waan jiru miti. Qabsoon Oromoo kana hin hayyamuuf.

– Maaltu Itti Aanaa?

Kana booda EPRDF walitti deebiti. Kora IHADEG baatii Bitootessaa as deemu kana taa’amuun wal sukkuumuun paartilee biraa ni gaggeeffama. Kora kanarratti OPDO, ANDM fi SNPDM hireen isaanii maal akka ta’u hin beekamu. Jijjiirama guddaan ni dhufa jedhamees waan eegamu miti. Sababni ammoo aadaan dimokiraasii jalqaba irraa kaasee dhabamuu fi gareen hattootaa kun olaantummaa gonfachuun EPRDF jijjiirama barbaadamuuf akka of qopheessaa hin jirre akeeka. Jijjiiramni dhugaa argamuuf ummanni Oromoo EPRDF diigee bilisummaa isaa gonfachuuf qabsoo jabeessuu qaba. Yeroo hundumaa qabsoon wabii injifannoo keenyaa akka ta’e dagachuu hin qabnu.