DHUGAA AWWAALANII RIQICHA CUBBUU TARKAANFACHUUN HIN DANDA’AMU

DHUGAA AWWAALANII RIQICHA CUBBUU TARKAANFACHUUN HIN DANdA’AMU

Naannoo Hararii wanti ja’amu hin jirtu. Ulagaa seeraa fi seenaattiis jiraachuu hin dandeessu. Hanguma duraanuu wayyaa daranuu Naannoo Hararii jechuun kan qoree qaraa hamtuu qaree nutti gad dhale wayyaanee dha. Diinni qoree lafa teenya irratti habaqaalee ganamuu akka nu waraantuuf qartee nuuf biqilchite malee sabni biraa firiin lama keessa jiraateef tan naannoo if dandeesse taatee nu’uramtuu miti. Adaree jechuun akkuma seenaa irraa hubannutti namoota lakkoofsaan muraasa tahan kan garba qaxxaamuranii dhufan Oromoon lafa laateefii irra qubsiise, kan sabni Oromoo baroota dheeraa mirga eegeefii jiraachisaa ture tahuu hubanna.

Haa tahuu garuu shirri mootummoota nama nyaataa ummata kana fi Oromoo walitti diinoomsuuf digaloo fi qondaallee saba Oromoo hin feenetti fayyadamanii saba guddaa kana mancaasuuf kaayyeeffatanii bara dheeraa sossoo’aa turaniin shirri akka mana sharaaratti xaxamee, yakki danuuniis Oromoo irratti hojjatamaa ture, ammaas itti jira. Dhimmi Hararii kun Oromootaaf dhukkuba sammuu tahuu bira dabree goflaa ykn cawwee (kaansarii) gogaa Oromiyaa tahee dhibeen isaa nutti bubbulee jira. “Waan lafatti balfaniitu ka’ee namatti sirba” tan ja’an san taate dubbiin. Waa’ee sirbaa kaafnaan Afoola Oromoo Adaree waliin wal qabatee jiru tokkoon yaadadhe Akkuma arraa kana waa’een karra shanii tan adaree biyyoo tun isaan dhibnaan oromoonni dur afoolan akkana ja’an:-

“Biyyoo adaree karri isii shanii
Ajaa’ibumaan godhe hortee hidda sanii.
Adaree jala buunee karra isii jala bullee,
Yoo wayyaa taate jennee dammallee itti bulbullee,
Waardiyaan ‘balaw’ jannaan dheefa ciqilee lulee.
Adaree biyyoodhaa dallayaan marsanii
Akka waan ta saani karra shaniin cufanii.”
(Madda: Oromo Graphya)
******

Naannoo Hararii wanti ja’amu hin jiru yoo jannu lafaa kaanee miti. Galmee seenaa yoo saaqan. Afoolli olii kunuu jiraachuu dhabuu isii nuuf mirkaneessa. Keessattuu baroota 26’n dabran kana daranuu wayyaaneen Oromiyaa dhunfatte kana seerri shiraa kan Oromoo irratti saba bicuu lafa Oromiyaa irra qubatan aangoomsuu fi humnoomsuun irree Oromoo laamsheessu jalootaa fi jattootaan baafamee eega hojiirra oolee as tooftaa fokkottuun ilmaan saba guddaa kana miidhuu fi Oromiyaa alagaa jalatti hidhuu hojjatamaa ture. Naannoo Hararii kan ja’amu kanaas kan naannoo godhee shira kana tahuun beekkamaa dha. Eega buroon asxaa hamtuu maqaa naannoo Hararii ja’uun gogaa Oromiyaa, kutaa Harargee irratti kalaqamee as shiraa fi yakki dhoksaa kan lakkoofsa hin qabnee fi hangi hin beekkamne, cubbuu tilmaamni hangana hin ja’amne Oromoo irratti raawwatamaa turee, ammaas ittuma jira.

Dhugaa haaluun hin danda’amne kan jiru ammoo Adaree qulqulluu wanti ja’amaa amma dhugaan jiraachuu baattullee garuu gosoota Oromoo kan akka Jaarsoo, Ala, Baabbile, Noolee, Qaalluu fi kkf kan naannawwa Adaree Biyyoo jiraatan, kan jagol-darbii fi naannawa isitti galan warra keessoon isaanii Oromoo tahuu osoo if beekanii Adaree jechuun himatan faa yoo tahe malee malee Adaree (Adda-Re’ee) qulqulluun san Harar keessa ni jirti kan ja’u yoo jiraate sobduu dha. Kan jiru Adaree haadhaa fi abbaan warra turkii dhufan irraa dhalatan osoo hin taane warra Oromoo waliin makame kan haadha ykn abbaa keessaa tokko Oromoo tahee fi warra Oromoo kan makaa osoo hin qabne ‘Amantashi’ waan heddummeessan qofaaf akka Adaree if godhan akka tahe namuu ni beeka. Isaanuu garuu jagol-darbii keessa kan jiraataan waan taheef Harar keessa wanti Hararii ja’amu hin jiru. Wantiin kana kaaseef adaree hin jirtu jechuuf osoo hin taane (hin jiru yoon ja’e maaltu gaa ja’a?) jiraataniis nama lamaaf sadi akka tahan himuu kiyya.

Hundaafuu, dhimma Ummata Hararii kanaan wal qabate waan ajaa’ibaa takka dhagayaa jirra. Kuniis maali yoo jattan:-

1- Osoo Ummanni Oromoo NS irraa buqqa’an magaaluma Adaree biyyoo tana keessatti rakkoo addaa keessa jiranii, kan guyyaa tokko dhaqanii hin daawwatin, daawwachuu dhiisi inumaatuu nurraa baasaa jechaa turuun isaanii hin dagatamu. Haala kana keessatti wayta ammaa Ummanni Hararii Ummata Somaalee yaammatanii gara Naannoo Afaaritti bashannanaaf waliin deemuuf qophii ajaa’ibaa godhaa jiran.

2- Ummanni Oromoo kan Naannoo Harari keessa jiraatan osoo Lammiin teenya gidiraa keessa jiranii maqaa warri wayyaanee fi jala deemtuun isaanii isin Adareedha jedhaniin qofa qabatanii, seenaa dagatanii, hadooddii dhabanii lammii isaanii dagatanii, hawaasa qaama isaanii tahan rakkoo hamaa keessa osoo jiranii laaluu hanga dadhaban godha jiran.

3- Oromonni Raayyaa, Oromoon Walloo fi Oromoonni Matakkal kan Jaarraa hedduu ol Oromoo fi Oromiyaa irraa adda bahe ture ”MIIDHAA DIINNII OROMOOTA” irratti fide tana dhageenyaan achii ka’anii dhufanii Ummata Oromootti makamaa jiru. Garuu kan warri fagoo jiruhuu qaxxaamuree dhufee ummata kana daawwachaa jiruu, Ummanni Oromoo kan Naannoo Harari ja’amtu tana keessa jiraatan gadadoo Ummata Oromoo irra gahe tana asuma magaaluma tana keessa osuma ijaan arkanii maaltu maal tahe hin janneen. Kun mallattoo shira xaxamaa jiruuti.

4- Baay’inni ummata naannawaa Harar harki caalu oromoodha. Lafa bal’aan ummata Oromoo harka jirti. Kun tahee osoo jiru shiraa fi hanna seenaa raawwatamaa jiru kanaan ummanni Oromoo Harar keessa jiru mirga isaanii kabachiisuu dadhabanii, hanga arraa gadi galummaan biyyuma abbaa isaanii keessatti akka lammii lammaffaa laalamaa jiraachuun kun waan nama gubu qofa osoo hin taane waan boodallee nama sheeneessuu dha.

5- Seenaa fi seeraaniis Harar Magaalaa Godina Harargee Bahaati. Garuu Magaalaan Adaree Jagool-darbii keessa bu’uura Seenatiin. Kun osoo beekkamuu arra ummanni Oromoo Harargee saba xiqqaa isa hin geenyeen saamamee, mirga dhabee sabni xiqqaan magaalaa Harar keessa jiraatu akka buroo (ክንታሮት) qaama namaarratti baateetti hanga nu weeraru, hanga magaalaa guddittii qabnu nu saamu cal’isuun fafa guddoo dha.

Walumaagalatti, Karoora Oromo fi oromiyaa xiqqeessuuf qabame malee bu’uura kamiinu Harar Naannoo Hararii tahuu akka hin dandeenye, akka niis hin taane jala murree beekuutu nurra jiraata. Dhimmi Hararii fi magaalaa Biyyoo Adaree kun hatattamaan falaa fi furmaata waaraa argachuutu irra jiraata. Kanaaf,

1. Oromoonni naannoo Harariis tahee kan akka Dirree Dhawaa fi Finfinnee keessa jiraataniis akka namaa osoo hin taane akka bineensaatti lafuma abbaa isaanii irratti keessummaa itti dhufteen balfamanii, jibbamanii ganna hedduuf dhiitamaa turan kun ammaaf ammatti mirga isaanii qabsoo hadhooytuu fi wareegama qaaliin ifiin if kabachiisuu danda’uu qaban.

2. Rakkoolee fi adeemsoonni godhamaa turanii fi ammallee raawwatamaa jiru kun shira mootummaa wayyaanee, kittillayyootaa fi shira-xaxxoota diinaatiin dhimma raawwatamaa turee fi itti jiru waan taheef Oromoon warraaqsaa fi qabsoo cimaan wareegama guddaa kafalee abba biyyumma Harar, Dirree Dhawaa, Finfinnees tahee guutuu Oromiyaa irratti yeroo gabaaba keessatti deebifachuu danda’uu qaba

3. Ulaagaa seeraa fi seenaatiiniis Harariin naannoo tahuu hin dandeessu. Shiraa fi daba hamaa Oromoo fi Oromiyaa irratti raawwatameen sababa gahan alatti biyyoon Adaree naannoo Hararii kan ja’amte. Kanaaf hayyoonni, manguddoonni, qeerroon, hawaasni Oromoo naannoo kana keessa jiran ammarraa jalqabanii dhimma yaaddeessaa kana irratti ifaan ifatti gad bahanii dubbachuu danda’uu qaban.

4. Oromoonni Naannoo Harariis tahee lafa Oromoo tan maqaan biraa itti moggaafamuun ambaaf kennamte keessa jiraatan if micciruu fi if jijjiiruu, eenyummaa fi maalummaa isaanii gurguruu kana dhiisanii, gowwumaa fi doq-nummaa akkanaa irraa qulqullaa’anii hiddaaf hundee isaanii irra dhaabbatanii dhugaa fi haqa seenaa isaanii falmachuu danda’uutu irra jiraata.

5. Yoo falli kan hin argamne tahe qeerroon Afran-Qalloo wal kakaaftee, wal qindeessitee, wal mari’attee, wal jaartee, Oromoota Naannoo kana keessa jiraniis dammaqsuun, warraaqsa cimsuun dirqama taha. Lafuma Afran Qalloo tan abbaa keenyaa irratti sabni xiqqaan maqaa malee hin jirre diina Oromootiin tolfamee Oromoon abbaan biyyaa ammoo lafuma isaarraatti akka intalishee (ashaangullittii) jiraachuun dhaabbachuu qaba. Kanaaf qerroon murti guutoo mirga ummata isaanii fi lafa abbaa isaanii tana hatattamaan kabachisiisuu danda’uu qabdi!

6. Ummanni Oromoo guutuu Harargee lamaanii haajaa fi magaaleeyfataaf kan itti fayyadamu takka magaalaa Harari. Haa tahuu malee Ummata keenya kan kuduraa fi muduraa gurguratee jiraatu magaalaa Harar keessaa akka bineensaati a’ariyaa oolan. Warri kana godhu kuniis Ilmaanuma Oromoo fi if wallaaltoota garaaf bitaman walitti gugguuranii ji’a sadii leenjisanii Oromoota irratti bobbaasan. Halli kun ammoo shira hamaa gannoota dhibbaaf walakkaa ol Oromoo Oromoon miidhuuf kaayyeeffame san tahuun ifa gala. Kanaaf, warreen akkanaa kanaas tarkaanfii keessa deebii hin qabne irratti fudhachuun dirqama.

7. Hawaasa keenya kan Naannoo Soomaalee irraa shiraan buqqaafamanii magaalaa Hararii fi Dirree Dhawaa keessatti mooraa qubsuma yerootti qubsiifamanii rakkachaa, miidhamaa, gidiramaa jiran kana harka caalatti magaalaa Hararii fi Dirree Dhawaa keessa qubsiifamuu qaban. Tooftaan kun hawaasa keenya magaalaa keessaa tooftaa adda addaatiin fageessuun lakkoofsa Oromoo xiqqeessaa jiran kana deebisee akka ol siqu tinnisa waan taheef hayyoonni fi rogeeyyiin (activists) Oromoo fi koreen ummata kana deebisanii qubsiisuuf hundooyte adda durummaan irratti hojjachuu qaban.

Dimshaashumatti wanti jannu yoo jiraate ammaaf magaalaa teenya, lafaa fi lafee Oromoo taatee kallattii baha biiftuu Oromiyaa jirtu, tan shirri sobaa laqaaqee nu harkaa fuudhe lamaan Dirree Dhawaa fi Adaree Biyyoo tana xiyyeeffannaa irratti haa deebisnuu. Dhugaa awwaalanii riqicha sobaa jaarratanii irra tarkaanfachuun akka hin danda’amne diinaa fi jaloota diinaatti agarsiifnee, firaa fi ummata keenyatti haa agarsiifnuu. Riqichi sobaa kan dhagaa fi simida cubbuutiin jaarame burusa dhugaa hadiidaa irraa hojjatameen diddiigamuu qaba.

“Mirgi abba biyyuma naannoo Hararii deebi’ee Oromoof laatamun dirqama!”

  1. Saphaloo Kadiir

Mudde 2017