Qabsoon Oromoo Shira Kamiinuu Osoo hin gufanne galma nigeessi

OPDON: OF EEWALUUF, UMMATA AMMOO AWWAALUUF CARRAAQAA JIRTI.
Dubbisi Oromoof quuqamtu

“Nagaya barbaanna. Namuu nagaya tahuu ni fedha. Garuu gabrummaa jalatti mirgi keenya osoo dhiitamuu nagayaan jiraachuu hin barbaannu” ja’ee ture Jaal Nadhii Gammadaa arra hin ji’in malee. Dhugaa dha! Eenyulleen osoo mirgi isaa hin dhiitamne, qabeenyi isaa hin saamamne, lubbuun isaa hin wareegamne nagayaan jiraachuu kan jibbu hin jiru. Namaa miti bineensi daggaalaatuu nagayaan jiraachuu hin jibbu hanga mirgi isaa hin sarbaminitti. Osoo ambiti lubbuu kee baaftuu, qabeenya kee saamtuu, boortaa nu kaayaa jirtuu nageenyaa fi araarri barbaadan hin jiru, hin jiraatuusi. Osoo namni tokko lubbuu si baasuuf sitti fiiguu nageenyaan barbaada jachuun luuynummaa qofa osoo hin taane gowwummaasi. Namni tokko walitti ni bu’a. Waliis ni miidha. Walillee ni ajjeessa. Haa tahuu malee waan marti yeroo fi adeemsa mataa isaa danda’e qaba. Akka aadaa fi heera Oromootti gaafa namni walitti bu’u afeemsi araaraa fi walitti fayyisuu tartiiba ifa galeessa qaba. Fknf, yoo kan walitti bu’e san fira tahee fi amba tahe akka itti laalamuutu jira. Gama biraatiin osoo reeffi ambiti ajjeefte mana taa’uu araarri hin ta’u. Osoo kan madaa’e hin shaffeeyyin, kan caphe hin shukkuumin, kan illaawe hin koobin araaraa fi nagayaaf ja’anii fiiguun dhiiga miidhamaa san irratti biyyee dachaasuu ta’a. Heera gumaa fi diyaa Oromoo keessattiis dhibleen nama miidhe ykn nama ajjeesse tokko danutti moo beekaa gocha san akka raawwate addaan baafatanii san booda waan itti aanutti tarkaanfatu. Akka seera fi aangoo mootummaa biyya bulchu kan ummataaf yaadu tokkoottiis miidhamaa lubbuu baraaruun waan mara dursa. Kan miidhame san yoo kan du’u tahees qorannaan reeffa san irratti gaggeeffamee eega firaaf aliif laatamee awwaalame booda dhimmi biraa itti fufa. Qaamni nageenyaa ammoo hojiin isaa jalqaba shakkamaa fi yakkamaa to’annaa jala oolchuu dha. San booda wanti godhamuu qabu marti tartiibaan deemama.

Waa malee seensaaf kana hin janne. Dubbii dhiheenya kana OBN irratti aanga’oota Opdo fi wayyaaneetiin haasawamaa jiru dhageeffadheen ajaa’iba natti tahe. Mootummaan naannoo Oromiyaa dhimma ummata keenya kan naannoo Soomaalee irraa buqqa’e sababsachuun araaraa fi nageenya ja’anii hoggaa dubbataan dhaga’uun garaa nama gubee, laphee nama affeela. Waan gaarii Opdo irraa eeggadhee osoo hin taane ummata keenya afaan Opdon mi’eeffattee deemaa jirtu kana amanuutu na yaaddeesse. Opdon wayyaanee jalaa akka waan baateetti warri haasawaa jiru ammoo shirri kun yoo hin galleef Oromoof yaadan jechuun nama dhiba. Opdon fedhii ummata keenyaa irra ajaja Wayyaaneetiin dhiibamaa jiraachuun haasawa dhiheenya kana aanga’oonni wayyaanee fi Opdos wal jalaa qabanii hafarsaa jiran kanarraa laaftutti namaaf qalbii qabuuf ni gala ja’een yaada.. Kana amanuun warra akka gariitti mata mura tahuus garuu dhugaan qabatamaan mul’atu Opdon ammallee ergama wayyaanee ba’attee deemaa jiraachuu kan mul’isuu dha. Jechaan Oromoo fakkaachaa, gochaan ammoo wayyaaneef fedhii guutuuf deemuun kan mul’atu dha. Ergamni Opdo guddaan saba Oromoo fi Oromiyaa wayyaanee jalatti hidhuun umrii gabrummaa irratti dheereessuu dha. Osoo ergamni isaanii kana tahuu baatee ummata keenya kan qabeenya saamame, kan lafa irraa buqqa’ee, kan mirgi isaa dhiitamee fi warra lubbuun gaaga’aman, kan manneen hidhatti miidhamaa jiranii fi kanneen biroo danuu irraa hanga ammaa osoo imimmaan hin qoorin dhimmi araaraa fi nageenyaa kun ijoo tahee wayta kanatti waan kaafamuu male nattin fakkaatu. Osoo ummanni aara hin buufanne araraafama malee araarri waan danda’amuu miti. Yaadamullee eega kan buqqa’e deebisanii qubsiisan, kan saamame beenyaan kafalameef, kan du’e qoratame, kan balleesse seeratti dhihaatee adabame booda kan kaafamuu qabu malee wayta kanatti kan ka’uu miti.

Opdo’n haqaa fi dhugaa ummata keenya awwalaa ifiif if eewaluu qofaaf hojjachaa jirti malee ummata Oromoof dhimma hin qabdu. Kana tahuu kan mul’isu ragaa danuu dha. Araaraa fi nageenyi amma Opdon hafarsitu kun dhugumatti araaraa shiraa fi adeemsa dogoggoraati. Shiraa fi dogoggorri keessatti mul’atu danuu dha. Shiroota fi dogoggoroota wayta ammaa kanatti mul’achaa jiru keessaa muraasa yoo laalle:

1. Liyyu poolisiin naannoo Soomaalee kan ummata Oromoo irratti bobbaafamte waggoota dheeraa dha. Jarri liyyuu poolisii kun eega jaaramanii bobbaafaman takkaa Oromoonni daangaa ollaa Soomaalee jiran kun nagaya arkatanii hin beekan. Liyyuu poolisii qofa osoo hin tahin yeroo garagaraa waraanni raayyaa ittisa biyyaa mootummaa wayyaanee ragaa qabatamaa waliin isaan keessatti qabamanii kan jiran tahuuniis beekkamaa dha. Meeshaa waraanaa fi rasaasa, nyaataa fi dhugaatiiniis kan waraana kana deeggaru kallattiin mootummaa wayyaaneeti. Biyyuma takka keessatti murni tokko waraana leenji’een deeggaramee saba biraa kan qawween harkaa guuramtu irratti bobbaafamaa jira. Walitti bu’iinsa shira wayyaaneen xaxamee Abdi Illeen raawwatamaa jiru kana aanga’oonni Opdo akka waan walitti bu’iinsa saboota lamaanii fakkeessuuf shiraa fi dogoggora guddaa dha.

2. Ummanni akka ummataatti, sabni akka sabaatti Oromoo fi Soomaaleen dhimma dhunfaatiin walitti hin buune. Dhugaa dha! Roga siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaaniis sabni Oromoo, soomaalee fi Affaar caalaa sabni walitti dhihaatuu fi firummaa jaarraa dheeraa qabu hin jiru. Saboonni kanneen waan hundaan hariiroo firummaa cimtuu walitti qaban. Amma duraas margaaf bishaan irratti akkuma obboleeyyan leeccalloo irratti walitti gufatuu tokkootti walitti ni bu’an. Tahuus garuu walitti bu’iinsi baranaa kun kan duriin adda. Walitti bu’iinsa saboota lamaanii kan akka duraanii osoo hin taane kan kaayyoo fi akeeka if danda’e qabu tahuun ifa galeessa. Walitti bu’iinsa kana ammoo as micciiranii walitti bu’iinsa sabootaa fakkeessuun, kan sababa daldala jimaatiin qofa uumame godhanii laaluun, kan kira sassaabdoota qofaan hidhata qabu fakkeessanii minnaaguun Opdo fi wayyaanee kun guutumattuu haqa Oromoo awwaalanii shiraan deemuu isaanii kan mul’isu tahuu qofa osoo hin taane, Opdon fakkeessaa fi akkeessatti jiraachuu ifatti kan mul’isuu dha.

3. Shirri wayyaaneen roga maraan Oromoo irratti xaxxu waggoota 26’n dabran kana saba kanarratti guyya guyyaan raawwatamu muuxannoo fi mudannoo guddaa tahee waan danuu sirritti nu barsiisee jira. Shira kana adda durummaan kan xaxaa jiru arraas tahee dur koloneeffataa mootummaa wayyaanee tahuun ifa. Diraamaa wayyaaneen barreeffamee Abdi Illeen taphatamaa jiru tahuu Opdon ifa baaftee dubbachuu qabdi malee jara baala irratti cabsaa, boolla shiraa ummata Oromoof qotanii irra tarkaanfachuuf yaaluun kun godaannisa seenaa hamaa tahee kan hafu tahuu ifaan ifatti hubachuu qaban.

4. Ummata aduu fi qoorra, beelaa fi dhibeen akka malee miidhamaa jiru, kan qabee fi qabeenyi isaa saamamee hamileen isaanii buute kanaaf xiqqollee osoo naatoo fi naasuu hin qabaanne shira mootummaa Wayyaanee dhooysaa Abdi Illee waliin araaraaf buxaaluun kun yakka guddaa qofa osoo hin tahin ummataaf quuqama dhabuu Opdo kan nuuf mul’isuu dha. Gochi akkanaatiis danta dhabummaa ummaataa qabaachuu fi jiddugalli kaayyoof karoora isaanii deebisanii if jaaruu qofaaf kan xiyyeeffate tahuus mirkaneessa.

5. Maallaqni guurame osoo ummataaf hin gahin dhibaa’uun osoo nu shakkisiisaa fi nu aarsaa jiruu ummata kana bakka itti miidhamanitti deebisaanii qubsiisuuf karoorfachuun isaanii kajeellaa maallaqa deeggarsaaf walitti qabamee kanaaf qabaachuu jaraas ni mul’isa. Opdo fi wayyaaneen baroota lamaan dabran kana hanqinni baajataa mudachuun ni beekkama. Kanaaf maallaqa hanga ammaa walitti qabame baajata godhachuuf ijan cinaatiin kajeeluutu irraa mul’ata.

6. Namoonni shira kana keessaa harka qaban sadarkaa sadarkaan beekkamuu baatanillee namoonni hangafootaa fi ijoo tahan sirritti beekkaman. Abdi Illee fi jeneraaloonni waraana wayyaanee ifaan ifatti shira kana keessaa harka qabaachuuniis mirkanii waan taheef, shirtoota hangafoota kanneen dura aangoo irraa mulqanii seeratti dhiheessanii san booda dhimmoota itti aanutti tarkaanfachuun dirqama. Yakkamtoota kanneen dura osoo seeratti hin dhihaatin dhimma araaraa fi nageenyaa dubbachuun salphina guddaa tahuu daran ummata gowwoomsuu dha.

7. Shirri hammeenyaan kuulamee badii malee kun ummata keenyarratti raawwate kun nama biraa caalaa kan onnee fi sammuu tuqe buqqaatoota Oromoo kana tahuun beekkamaa dha. Wayta ammaa waan hundaa ol xiin-sammuu isaanii eeguun dirqama akka tahee namni hin hubanne waan jiru natti hin fakkaatu. Araaraa fi nageenyi amma warri Opdo odeessan kun fedhii fi ajaja mootummaa wayyaaneetiin dhiibamaa kan jiru tahuu mallattoolee danuutu mul’isa. Fedhii ummata buqqa’ee kana osoo hin qoratin, osoo haala isaan keessa jiran hin madaaliin mootummaa naannoo Soomaalee waliin nageenya barbaaduun kun dhugumatti shira hamaa hollima cubbuun ilmaan Oromoo irratti aggaamame tahuu isaa mul’isa.

8. Aanga’oonni Opdo kan dhiheenya kana aangotti dhufan kun wayta isaan afaan mi’eeffatanii jechoota babbareedaan haasawan agarra. Afaan isaanii jechoota nadhii deeymaa roobu kanaas laalanii namoonni danuun akka waan isaan eenyullee caalaa ummata Oromoof quuqamanii fakkeessanii fudhachuun ni mul’ata. Kun tahee osoo jiruu wayta ammaa kana isaan ammoo fedhii ummataa caalaa fedhii dhaaba isaanii guutuuf, akkasuma wayyaanee biratti jaalatamummaa horachuuf shira kana keessatti adda durummaan hirmaachuu isaaniitu mul’ata. Kun ammoo nageenya ummatarra nageenya mootummaa wayyaanee fi naannoota lamaanii qofarratti kan xiyyeeffatan tahuu ragaa qabatamaa nuuf mirkaneessuu dha.

9. Ummanni buqqa’ee fi buqqaafame kun biyyuma takka keessa kan jiraatan, heera mootummaa tokkoon, alaabaa takka jalatti mootummaa tokkoon kan bulanii dha. Heerri mootummaa kanaa lammiileen biyyatti naannoolee saglan biyyattii keessatti daangaa fi dhoorkaa malee wal qixummaa fi of bir’uu takkaan ala mirga hojjachuu, jiraachuu, qabeenya horaachuu fi kkf guutuu kan qaban tahuu dubbata. Kan xalayaa irra jiru kun ammoo lafarratti yoo laallu keessattu Oromoo irratti faallaa /fuggisoo guddaa dha. Ummanni Oromoo buqqaafamuu qofa osoo hin tahin heera mootummaatu caphe. Warri heera mootummaa cabse kun osoo seeraan hin gaafatamin araaraa fi nageenyaaf lallabuun kun seera lammaffaa cabsuu tahuu mul’isa.

10. Akkumaan lakkoofsa 9 irratti heerri mootummaa caphee jiraachuu tuqe, qaamni mootummaa wayyaanee Tplf, Opdo fi kan biraas heera caphee jiruuf dhimma dhabuun isaanii kun ija keessaatiin shira dhooysaa hamaa golgamee diriirfamaa jiru jiraachuu mil’isa. Osoo kan ummata buqqaase kun Oromoo tahee arra shoorarkeessummaan himatamee mana hidhaa keessatti macalaafama ture. Warreen yakka hamaa kana Oromoo irratti raawwate kun hanga ammaa namni maaliif kana gootan ja’ee gaafate hin jiru. Ammallees dhaadannaa gurguddaan Oromoo sodaachisaa jiran. Kun ammoo namni marti seeraa gad tahuu odeessan san falleessa. Biyyatti Xoophiyaa ja’amtu tana keessatti kan seeraa gad tahe saba Oromoo qofa tahuu nuuf dhugoomsa.

11. Konfaransiin nageenyaa eega qaamni aangoo qabu waliin mari’atee godhe booda nageenyi mul’achuu qaba ture. Ammaan dura Abdi Illee fi aanga’oonni mootummaa naannoo Oromiyaa magaalaa Dirree Dhawaa irratti walitti dhufuun waliigaltee mallatteessanii turan. Waliigalteen gaafas godhan sanuu ummata keenya dagachiisuu malee bu’aan isiin fidde hanga firii xaafii hin mul’atu. Inumaatuu waliigalteen san konfaransii nageenyaa osoo hin tahin waan ummata Oromoo firraa buqqisa ja’ameen fakkaata. Abdi Illeen taa’umsa san irraa akkuma deebi’een ummata Oromoo buqqaase. Gama biraatiin ammallee liyyuu poolisiin ummata Oromoo irratti akkuma dukaasa banaa jirtutti itti fuftee jirti. Wayta amma Opdo fi wayyaaneen araaraa fi nageenya haasa’an kanatti lubbuun Oromoo bahaa jira. Kanaaf rakkoo kanaaf osoo fala hin kaayin araaraa fi nageenya xibaaruun ammoo yakka guddaa Oromoo irratti shiramaa jiru tahuu ibsa.

12. Kora araaraa fi nageenyaa kan magaalaa Jijjigatti ta’amuuf hojjatamaa jiru kana booda ummata kana qabeenyaa isaanii irratti akka deebisuuf karoorfamees dhagayaa jirra. Kun qishnaa guddaa dha. Qishnaa qofallee osoo hin tahin Opdon lubbuu ilmaan Oromootiif danta dhabummaa hamaa qabaachuu isiis mul’isa. Haa tahuutii garuu kan lubbuun jiran bakka irraa buqqa’anitti yoo deebisan kan dhuman hoo lubbuu itti deebisuuf dandeettii ni qabanii? Dubartoota torbaan meeqa liyyuu poolisoota gara jabeeyyiin gudeedaman hoo rakkoo qaamaa fi qalbii isaanii akkam godhuuf yaadaniiti? Waan garaa nama bobeessaati. Kanneen hanga arraa manneen hidhaa naannoo Soomaalee keessatti ugguramanii jiran osoo gad hin lakkifamin araaraa fi nageenya kamtu barbaadama? Opdon dhugumatti kana mara osoo xiyyeeffannaa keessa hin galchin ija guduunfattee faallisaa jiraachuu nutti mul’isa.

Shirootaa fi dogoggoroonniin olitti tuqe kun hangafoota muraasa malee kan biroos danuu dha. Kana malees ummanni keenya badii malee shira wayyaanee fi Abdi Illeen ji’a sadi dura buqqaafaman kun kunoo hanga ammaa mooraa qubsuma yeroo kan jireenyaaf hin mijjooyne keessa rakkachaa jiran. Osoo kun akkanatti jiruu hariiroo hawaasummaa fi mootummoota lamaanii irratti xiyyeeffachuun kun badii guddaa dha. Dhimmichi dhimma lubbuu ummata kumaatamootati malee dhimma aanga’oota wayyaanee miti. Wayta ammaa dhimmi ummata Oromoos tahee buqqaafamtootaaf barbaachisu araaraa fi nageenya mootummaa Soomaalee waliin godhamu osoo hin taane hojii deebisanii ummata kana sirnaan qubsiisuuti. Hawaasa Oromoo Naannoo Soomaalee irraa shira mootummaa wayyaaneetiin buqqaafamanii gara Oromiyaa deebifaman kanaaf kan fala tahu dhimmoota kanaan gadiiti. Dhimmoota ijoo xiyyeeffannaa guddaa itti kennamuun hattattamaan hojjatamuu qaban keessaa muraasni:

– Koreen deeggarsa lammiilee buqqa’an sababsachuun qabeenya guuramaa jiru kana hojiirra oolchuuf sadarkaa ol aanatti jaaramte hojii ummata kana deebisanii qubsiisuu jalqabuu qaban. Ummanni keenya buqqa’e bakka jireenyaaf mijjaa’utti qubachiifamuun dirqama akka tahe beekuun gaarii dha. Fakkeenyaaf, manneen gamtaa (Condominium) kumoota danuun magaaloota Oromiyaa kan akka Adaamaa, Finfinnee, Dirree Dhawaa, Hararii fi kkf lafa Oromoo irratti ijaaramaa jiranii fi turan ummata kanaaf bilisaan hiramuu qaba. Dhimma kana akka nama murtii laatutti osoo hin tahin ani akka yaadachiiftuu takkaattiin kaaye malee ajaja dabarsuu koo miti. Akkasitti naaf hubadha.

– Warreen buqqaafamanii Oromiyatti galfaman kun mooraalee waraanaa fi iddoo jireenyaaf hin mijjooyne tan adda addaa keessatti akka shuumoo bakkuma takkatti mudhurfamaa kan jiran waan taheef, bakkoota gamtaan qubsiifaman tan akkasiitti dhibee daddarbaan, dhiphinni sammuu fi balaan adda addaa baayyee hammaata waan taheef wal’aansi qor-qalbii fi fayyaa wal irraa hin cinne godhamuuf qaba. Ilmaan Oromoo kumaatamaan lakkaa’aman ammas naannoo Soomaalee keessatti achi buuteen isaanii hin beekamin jiran. Kan hidhaman gadi lakkifamuu qaban, kan ajjeefaman addaan baafamanii reeffi isaanii maatiif kennamuu qaba.

– Deeggarsi adda addaa namoota dhunfaa, dhaabbilee adda addaatiiniis roga danuun kan walitti guuramaa jiru tahuun beekkamaa dha. Fakkeenyaaf deeggarsa maallaqaa gama hedduun godhamaa jiru madditti deeggarsi akka nyaataa, dhugaatii, afataa fi uffataa dhihaataa kan jiru tahuus garuu ammallee qixa sirriitiin ummata buqqa’an kanaaf hojiirra oolaa waan hin jirreef shiraa fi hanni roga kanaan jiru hundeen furamuu qaba. Deeggarsi biyya keessaa fi biyya alaa irraa sababa ummata buqqaafaman kanaaf walitti qabamaa jiru sirnaa fi saansankaa qabaatee kallattiin dhimma guurameef qofa irratti akka oolu hatattamaan godhuu, akkasuma qisaasama deeggarsaa mudachaa jiru kana to’annoo fi hordoffiin addaa irratti godhamuu qabaasi.

– Namoonni buqqaafamanii gara Oromiyaa deebifaman kun warra qabeenya naannoo Soomaalee keessatti horatan mara saamamanii harka qullaa baafaman waan taheef koreen dhaabbatte tun araaraa fi ummata kana gara naannoo Soomaaleetti deebisuuf oliif gad fiiguu osoo hin taane qabeenya isaanii kan jarri irraa saame san haala fiduun danda’amu mijjeessuun leeccalloo isaanii deebisuu irratti hojjachuun dirqama akka tahe hubachuu qaban. Yoo qabeenya san deebisuun ulfaataa tahe ammoo ilmaan Oromoo kuma dhibbaa ol naannoo san qabeenya malee buqqaafamanii harka duwwaa bahan kanaaf beenyaan isaaniin malu akka kaffalamuuf godhuu qaban. (Beenyaan kafalamu mootummaa federaalaa fi naannoo soomalee irraa tahuu qaba)

– Dhimmi araaraa fi nageenyaa kan dubbatamuu qabu eega hojiin dursi kennamuuf qabu xumurame booda. Kanaaf, koreen nageenyaa fi araaraa ja’amuun hundeeffamte tun dura yakkamtoota akka Abdi Illee fi qondaaltoota Liyyu Poolisii ummata Oromoo fixanii fi fixaa jiran kana seeraaf akka dhihaatanii adabaman irratti.xiyyeeffachuu qaban. Nagaya tasgabbaawaa fi araara waaraa fiduuf liyyuu poolisiin Abdi Illee guutummaan diigamuu qabdi. Osoo isaan hin diigamne araara buusuun gonkuma kan yaadamuu fi danda’amuu miti.

– Mootummaa wayyaanee kan saboota biyya takka keessatti wal qixxummaaniin bulcha jechaa kaan ajjeessisu, kaan buqqaasisu, kaan shiraan walitti buusaa jiru kana qabatamaan himachuu danda’uu qaban. Gama biraatiin mootummaan federaalaa ummata keenya badii malee qe’ee isaarraa buqqaafaman kanaaf deeggarsi inni godhaa jiru tokko hin mul’atu. Kun ammoo jibbaa fi balfa mootummaan kun ummata keenyaaf qabu kan mirkaneessuu dha. Sabni buqqa’e kun osoo saba biraa tahee qaama mit-mootummaa fi biyyoota alaa mara silaa dhoortoof duruu irra naanna’ee waliin gaha ture. Saba Oromoo tahuu qofaaf deeggarsa barbaaduuf dhiisii ija kabajaa fi naasuu qabduunuu hin laalle. Eega Oromoon waywaata du’e booda dhiheenya kana faana baalleeffata dhaqanii kijibanii deebi’an. Kun ammoo tuffii guddaa dha. Kanaaf, Opdon kijibaan ummata kanaaf waan dhimmamtu fakkaatte tun balleessaa mootummaa kana ifatti mormuu qaban.

– Namoota shira hamaan naannoo Soomaalee irraa buqqaafaman kanneen dhibbeentaan 80 ol dargaggoota humna hojjachuu qaban kan naannoo keessaa buqqaafaman keessattiis hojjachaa turanii dha. Dargaggoota kana shiraa fi cubbuun buqqaasanii arra hoji dhablee taasifamanii jiran. Isaan kana hatattamaan hojii irratti ramadanii dhiphina sammuu fi hamile caphuu jalaa dafanii baafamuu qaban. Hojii dargaggoota kana deebisanii hojiirra kaa’uu itti yaadamee karoorfamee hojjatamuu qaban. Kana tahuu baannaan karoorri mootummaa hoji dhablummaa xiqqeessuu ja’amuu lallabamu san sobaa fi cubbuu tahuu mirkaneessa. Mootummaan hojii dhablummaa xiqqeessina jechaa dargaggoota hojii uumanii hojjachaa turan shiraan buqqaasanii hojii dhabsiisuun ammoo tarsiimoo faallaatiin Oromoo kophatti miidhaa jiraachuu ifirratti ragaa bahuu akka tahe mootummaan kun dagachuu hin qabu.

– Koreen araaraa fi nageenyaa maqaa ja’amuun akkasuma koreen deeggarsa ummataa hojiirra oolchuuf jaaramte hojiin isaan dursa hojjachuu qaban dhimma ummata buqqa’ee sani malee araaraa fi nageenya mootummaa naannoo Soomaalee kan wayyaaneen ergame waliin uumuu miti. Koreen tun akka amma hubannutti koree mootummaa bakka buute jaaramte malee koree ummata miidhame jiddu gala godhattee ijaaramtee miti. Kanaaf, yoo isaan mootummaa wayyaaneetiin dhiibamanii dhimma ummata keenya miidhu qofarratti kan xiyyeeffatan tahe ummanni Oromoo, qeerroon, foollee fi walumaagalatti hawaasni Oromoo bal’aan dura dhaabbatanio mormuu qaban. Shiraa fi hammeenya ummata Oromoo irratti deemu kan irree takkaan hadheeyfatee mormuu fi dura dhaabbatee falmachuu qabu ummata Oromooti. Mootummaa wayyaanees tahee Opdon naaf dhimmamti ja’ee sabni Oromoo laafuu fi rafuu hin qabu. Opdon duriis ergama wayyaanee galmaan ga’uuf malee rakkoo ummata Oromoo furuuf akka hin jaaramin beekkamaa dha. Arraas jarri jecjaan malee gochaan wanti if jijjiiran ykn if haaroomsan tokkolleen hin jiru. Gowwoomsaa Opdotiin sobamee qabsoo isaa laaffisuu osoo hin taane ummanni keenya if jaaree warraaqsa isaa boqonnaa haareyatti ceesisuu qaban dhaamsa koo kan maayyiiti.

Walumaagalatti kan haasawaa jirru kun araaraa fi nageenyi saboota wal dhabe jiddutti hin barbaachisu osoo hin tahin san dura waan hojjatamuu qabu xumuranii san booda gara hojii itti aanuutti, gama araaraa fi nageenyaatti deemuun dirqama jechuu keenya. Kanaaf, Oromoof ammatti kan barbaachisu konnfaransii nangeenyaa Abdi Illee waliin qopheessu osoo hin taane ummata kana qoorraa fi qoree keessaa galchuu dha. Ammaaf goolabe. Waan na waliin turtaniif galata argadhaa. Horaa bulaa, deebanaa!!

“Qabsoon Oromoo shira kamiinuu osoo hin gufanne galma ni geessi!”

Saphaloo kadiir
Sadaasa, 2017