Saamicha Albuuda Oromiyaa.

SAAMICHA ALBUUDA OROMIYAA

Sharafa Itoophiyaan biyya alaatirraa argattu keessaa 20% kan ta’u albuuda alatti gurguramu irraa dhufa. Bara 2012ttii ( waggota 5 dura) gurgurtaan albuudaa doolara miliyoona 618 ( 618,000,000) argamsiise. Bara 2024 ammo doolara biliyoona 1.5 argamsiisa jedhamee tilmaamama. Albuuda alatti gurgurame doolara fidu kun 100% Warqii akka tahe agarsiisa gabaasni ministeera albuudaafi bishaanii.

Hojii warqii baasuufi biyya alaatti erguu kana keessaa shoora guddaa kan qabu kubbaniyyaa MIDROC qabenyummaa isaa kan Alaamuddiin taheedha. MIDROC iddoolee albuuda Warqiitiin beekkaman gurguddoo kan akkaa Laga Dambii, Adoolaafi Matakkal faa harkaa qaba.

Lafti albuuda Warqii Laga Dambii Itoophiyaa keessatti isa hunda irra guddaati. Alaamuddiin bara 1997 ALA wayyaanee irraa doolara miliyoona 172 bitatee kontiraata waggaa 20 mallatteessifate. Gaafasii kaasii waggaatti warqii toonii 4.5 baafachuun galii doolara Ameerikaa 165,000,000 ( birrii Itoophiyaatti biliyoona 4 ol) argachaa jira. Waggaa tokko keessatti baasii lafa Warqii ittiin bite deebise jechuu dha. Waggoota diigdamman dabre yoo xinnaate doolara biliyoona 3.5 ol ( birri biliyoona 85 kan caalu) Laga Dambii qofa irraa argateera. Maallaqni kun eessa dhaqaa ture? Marii tibbana ministeera albuudaa waliin godhame irratti bakka bu’aan MIDROC akka jedhetti kubbaaniyiichi erga albuuda san fudhatee ‘misooma ummata naannoo Shaakkisootiif” birrii 74,373,988.73 ( doolara miliyoona 3 gadi).Kuni dhugaadha jennee osoo fudhanneehuu, kana jechuun warqii lafa isaatirraa bahu irraa maallaqa argame irraa 1% gaditu faaydaa ummata naannoof gahe jechuudha. Midroc karaa kam hojjate? Mana barumsaa meeqa hojjate? Bufata fayyaa kam hojjate? Oromoota meeqa qacare?

Tooftaalee Mallasaan qabeenya Oromiyaa itti saame keessa tokko kubbaniyyaaleen gurguddaan gaafa darguu harka mootummaa turan, ‘qabeenya ummata Itoophiyaa cufaa’ waan ta’aniif Federaalaan buluu qaban jedhe. Bifa kanaan kubbaniyyaalee Oromiyaa keessa jiran cufa erga too’annaa mootummaa naannoo jalaa baafatee booda maqa piraayvetaayzeeshinitiin mootummaan Federaalaa gurgurate. Kanaafuu doolaarri maliyoona 172 kan albuudin Laga Dambii MIDROC’tti gurgurameen sun kaaznaa Federaalaa gale. San booda hoo?

Heerrii mootummaa Itoophiyaa keewwanni 98(3) gibiraafi rooyalitii albuuda gurguddaa mootummaa federaalaafi naannootu addaan hirata jedha. Labsiin galii albuudaa Lak 23/1996 ammoo gibirri galii albuudaa 35% yoo tahu rooyalitiin ammoo 8% taha jedha. Dabalataanis qabeenya kubbaaniyyaa sanii keessaa 5% jalqabumarraahuu kan mootummaa tahaa jechuudha.

Maarree akka bu’uraalee heeraafi seeraa armaan olitti gibira, rooyalitiifi MIDROC argatu irraa mootummaan Naannoo Oromiyaafi kan Federaalaa hirachuu qaban. Akka seera kanaatiin qoodini Federaalaafi Naannoo hammami akka ta’uu qabu ifatti wanti beeksifame hin jiru. Wanni ifatti dubbatamu yoo jiraate hamma ammaatti Oromiyaan kaffaltii rooyaalitii qofa irraa waa xiqqo akka argattuudha. Jechuunis 8% san keessaa waa xiqqo qicaniif. Kan hafe Alaamuddiinifi mootummaa Federalaatu fudhata. Saamichi Laga Dambii hanqatee achuma ollaa sanitti lafti albuudaa Saakaroos MIDROC fudhatee jira. Lafti kun kuusaa Warqii meetrik toonii 20 ol akka qabutti kan shallagamu yoo tahu doolara Miliyoona 556 argamsiisa jedhamee tilmaamama.

Egaa akkuma armaan olitti agarsiisuuf yaalametti albunnii Oromoofi Oromiyaa kubbaniyyaalee akka MIDROC fi Wayyaanoota maqaa mootummaa Federaalaa dahataniin saamamaa ture ammas itti jira. Kun asirratti dhaabbatuu qaba. Kan ta’uu qabu:

1. Koontiraanni MIDROC Laga Dambii irraa qabu barana dhumatee (expire) jira. Haarayoomfamuu hin qabu. Yoo kan haaroyoomfamu taate bifa haarayaan waliigalteen ummata jiddu galeessa godhate qophaayee ta’uu qaba. Kana gochuuf abbummaan qabeenya kanaa kan ummataafi kubbaniyyaa albuuda san baasu waloon ta’uu qaba ( shared ownership). Qabeenya san keessaa dhibbeentaan hammi tokko ( fakkeenyaaf 40%) ummataa naannootiif kaayamee sheerii bitachuun fayyadamtoota akka tahan gochuu feesisa. Akkasumas galii mootummaan federaalaafi naannoo argatan irraa dhibbeentaa ifatti murtaayee lafa kaayamu misoomaafi eeggumsa naannoo aanaaleefi godinoota albuudni keessatti argamuutiif ooluu qaba. MIDROC haaldureelee kana kan fudhatuu yoo ta’e qofa hayyamni haaromfamuufi qaba. Yoo dide dhiisee haa deemu. Takkaa kubbaniyyaa biraa kan haldureelee kana fudhatu itti arguudha, ykn ammoo kubbaaniyyaa aksiyoonaa biroo dhaabuun hojii itti fufsiisuun ni danda’ama.

2. Kontiraanni Sakaaroo ammas waggoota muraasatu hafaaf. MIDROC albuuda Sakaaroo akkuma qabatetti itti fufuu yoo barbaade waggoota hafan keessattii
– Oromiyaan galii isheen malu akka heera mootummaa irra kaayameetti galii gibiraa, rooyalityfi abbummaa ( ownership) irraa argachuu qabdi
– Ummmanni gidinaafi aaanalee albuudni kun itti argamuu mirgi abbummaa kabajamuufi qaba.
3. Mootummaan Oromiyaa kessatu uummata naannoo Laga Dambii ykn Sakaroo jiraatufi waligalaan ammoo Oromoota hunda qoda fudhachiise furmaannii asi olitti tuqame akka galmaan gahu hojjachu qaba.

Dimshaashumatti albuuda rabbi Oromoof kenne osoo sabni kun biraa hagabuu alagaan irraa duroomuun asirratti dhaabbachuu qaba. Mootummaan naannoo Oromiyaa yoo mirgaafi dantaan ummanni qabeenya uumamaa irraa qabu kana eegsisuuf murnoofi saffisaan socho’uu qaba. Hunda caalaa garuu dantaa isaatif waardiyyaan ummatichuma. Kanaaf ummanni keenya falmaa isaa cimsuu qaba. Keessattu yeroo kontiraannii Laga Dambii dhumee Alaamuddiin karchallee Arabaa jiru kun hiree guddaa waan ta’eef nu hin darbinin jedha.