YEROO SIRNI AWWAALCHA WAREEGAMTOOTAA GAGGEEFFAMU WAAN GODHAMUU QABU KEESSAA IJOO:

1) Waraanni wayyaanee naannawa hawaasni sirna awwaalchaa gaggeessutti dhihaatutti dhihaachuu hin qaban, ummanni madaan kulkulte lubbuu isaa irraa dantaa akka hin qabne beekuun gaarii dha. Kanaaf, waraanni wayyaanee kan maqaa Federaalaan ummata Oromoo lafarraa duguugaa jiru qarqara san bahuun ibidda boba’u irratti daran boba’aa firfirsuu dha. Kun tahe taanaan ammoo Opdon wayyaanee waliin diina akka taatetti fakkeessu barbaaddu daran xaxama hamaa keessa akka if galchan beekuu qaban.

2) Qaamni nageenya eegu kan sirna awwaalchaa gootota wareegamtoota kana irratti argamuu qaban milishoota sabaaf quuqaman, poolisii Oromiyaa kanneen dhiigni obboleeyyan isaanii itti dhaga’amu, kanneen ammaan dira ayyaanoota akka irreechaa adda addaa irratti hirmaachuun muuxannoo qaban, sabboontoota kutannoo fi murannoo dhugaa qaban filamuun sirnicharratti hirmaachuu qaban. Poolisii Oromiyaa warreen dulloota mirga Oromootti hin amanne hedduutu jiru. Keessattuu, Godinni kun bira dabree aanaan Meettaa aanaa nagaya eegdoota dulloomaa fi akkuma kaleessaa Oromoo dhiigatanii bulchuu barbaadanii dha. Milishoota, Poolisii Oromiyaas tahee kora bittineessaan sirna kanarratti hirmaachuu qaban warreen daaddaa qeerroo Oromootiin wal gitan tahuu qaban,

3) Hawaasni, qeerroo fi manguddoonni Oromoo kan iddoo garagaraa irraa sirna awwaalchaa kana irratti hirmaachuuf aanaalee, godinaalee fi magaaloota adda addaa irraa dhufan keessummaa waan tahaniif hawaasni aanaa kabajaan simachuun, kabajaan gaggeessuutu isin irra jiraata. Keessummoonni keenyaas wayta karaa imalaniis tahee iddoo sirna awwaalchaattiis akka nageeyaa fi naamusni eegamuuf namoota garee waliin deeman san karaa irra kaayu, naamusa walii eegsisu ofuma keessaa filachuutu irra jiraata. Dhaaddannoo dhageessisaa osoo addaan hin faffacaane deemuuniis gaarii dha. Qaamootni badii kan shiraaf qophaawanii hawaasa Oromoo jeequufi waliin dha’uuf warraaqu jiraachuus malu. Akka haalli kun hin uumamne qaawa mara cuccufaa deemuun gaarii dha.

4) Arraa fi kaleessi wal fakkaachuullee baatu Opdon afaan malee amalaan, jecha malee gochaan ammallee tanuma duri. Kana jechuun koo waa malee miti. Opdon dullattiin aanaa Meettaa akkuma reeffa jaarraa abbaa gadaa bakka hawwii isaa hanqiftetti wareegamtoota kanaas mooraa siidaa wareegamtootaa keessatti akka hin awwaalamne shira xaxuu jalqabuu isaanii helefii dhageenye. Wareegamtoota keenya haala seena qabeessa, bifa bareedaan bakka gootoonni Oromoo dabran itti wareegamanii siidaan yaadannoo dhaabbate Calanqoo Lolaatti dirqama awwaalamuu akka qaban jala muranii haa beekan. Afaan-faajjii kana babal’isuuf yakkamtoonni maqaa hoggansaan aanaa kanarra jiran, reeffa namoota wareegamanii kan gara baadiyyaa adda addaa ergqniis akka jiru hubannee jirra. Kun gonkuma hin tahu. Wanti godhamuu qabu obsaa fi tasgabbiin reeffa wareegamtoota gootota keenyaa bakkuma tokkotti, Calii Calanqotti awwaalamuu qaban.

5 Kan wareegame qofa bifa bareedaa, seena qabeessa, kabajaa gootootaan maluun awwaallee cal’isuu osoo hin taane kan madaawanii lubbuun hafanii hospitaaloota Harargee kan akka Hospitaala Calanqoo, Hiwot faanaa fi Dilcorratti wal’aanamaa jiraniis hordofuun yaalachuu, rakkoon hanqina baasii akka hin mudanne fi abdi murannaan itti hin dhagayamne jajjabeessuun gaarii dha. Kana qofaa miti. Warreen naannoo daangaa irratti hafaniis tooftaa bareedduun baraaruun dirqama. Akkuma qeerroon sagantaa baafatan sirna awwaalchaa irratti sagantaalee hammatamuu qaban kan akka marii dhimma daangaa, tooftaa weerara if irraa ittisuun daangaa fi tooftaa lubbuu Oromootaa balaa jalaa eewaluun itti malu irratti mari’achuun qaphxii bu’uraa yoo itti hojjataman bu’aa fi injifannoo galmeessuu danda’an irratti waliigaluun raggaasifachuu. Bara dhufee dabruu reefuma lakkaawaa ooluun Oromoof bu’aa hin qabu. Qabsaawwoonni keenya mana hidhaa ummata keenyaa kumaa tammaan buqqa’an kumaatamaan lubbuu dhabaa, lafaa fi lafees dhabaa jiran kana nu Oromoo malee namni eewaluu danda’u akka hin jirre jala murree walitti himuun wa’ada haaroomsuun qabsoo caalutti galuun dirqama tahuu hubachuu.

6) Qondaaltooni OPDO kan aanaa Meettaa warreen eega Opdon Tplfn kalaqamtee fi as jidduu yakka barbaadan hojjachaa, saamaa fi ummata dhiitaa akka warra minilik miira aangoon waaqarraa nuuf kennamte ja’u fakkaatuun jiraachaa turan yakkamtoota. Yakki dur haa hafu, torbaanuma kana keessa wayta araddaa Sarkamaa liyyuu poolisii fi makkalaakayaan weeraranii nama hedduu miidhan hawaasni Oromoo daangaa irra jiran deeggarsa poolisii warra aanaa kana gaafannaan didanii jiran. Dangaa aanaa Meettaa fi naannoo Somaalee irratti halkan duraa makalakiya fi liyyuu polisiin nama 8 ajjeessuun garii yoo madeessan, madoo mana yaalaatti deemaniin keessaa namni tokko karaarratti yoo du’u, sababa kanaaf ganama kana qeerroon ummanii kenya dhumee waraana ergaaf, rasaasni waraana keenya duraa dhumee haa ergamuuf jechuun gafannan I/A/B Sintayyoo, Shaawilee fi Meskaram namni ja’aman makkalaakiyaa itti yamanii namni 17 waregame. Akkasumas qerroo Makiinaa dhunfaa (13)n dirmachu sarkama deeman agaziin duubaan itti seentee kaambii waraanaa Huursoo keessatti hidhanii dararaa jiran. Ammaas koolleejjii ‘golmaassaa’ makiinaa Isuzu 3 hidhanii jiru. Guyyaa yeroo jarri Opdo kun agaazii hawaasatti yaaman hirirri hin turre. Gama biraatiin jarri Opdo aanaa Meettaa kun ummanni kun marti yoo madaa’uu fi wareegamu Ambulansii” Aanaa Meettaa uummata midhameef ajajuu didanii Anbulaansiin Aanaa Goroo Muxii madoo gara manneen yaalaatti fuuraa turte. Kanaaf, qondaaltoonni Opdo aanaa meettaa marti harka dhiigaan dhiqatanii ummata Oromootti makamuu hin qaban. Haleelaa.

7) Akka keessa beektota irraa dhageenyetti wayyaanoonni wayyaaneen baha Oromiyaa, Harargee keessatti dhimma biraatiin Oromoo dadhabnaan carraa xumuraa yaalaa jiraachuu hubanne. Guyyaa kaleessaa waraanni wayyaanee masgiida muslimaa seenanii ummata Oromoo tumaa turuun isaanii akka ummanni Oromoo muslimaa dhimma amantiin warraaqsa addatti jalqabuuf akka tahe hubanna. Gama biraatiin ayyaanni kiristaana ortodoksii xoophiyaa wagga waggaan Mudde (tahasas/December) 19 kabajamu ‘Qullubbi Gabre’el’ ja’amuun beekkamu irratti jeequmsa adda addaa dhaluun hordoftoota amantichaa fi Oromoota naannoo walitti buuduuf qophi jirti. Wayyaaneen ayyaaneeffannaa warra Ortodoksii xoophiyaa kan ‘Qullubi Gabre’el’ jeequuf qophii xumurachuu isii kana odeeffannoo qabatamaa dhageenyee jirra. Hordoftoota amantaa garagaraa sababa hin fakkaanneen walitti naqxee hawaasa Oromoo Harargee guutumatti akka afaanfaajjawan taasisuuf akka tahe, namoota ‘gabre’eeli’ itti yaa’uu fi irraa yaa’uus qeerroo fakkaachuun jeequu, saamuu, miidhuu fi gochoota hamaa irratti raawwachuun maqaa qeerroo xureessuuf akka qophii xumuranii jiran hubatamee jira. Haa tahuu garuu gochi isaanii fashaluu qaba. Wayta ammaa Harargee bakkoota adda addaatti jeequmsa kaasuun ummata Oromoo sanyii duguuguun akka isaan daran aaraa fi xiiqiin warraaqsa hin malletti galan godhuuf akka tahe haala isaaniirraas qabatamaan calaqqisa. Wayyaanee qofa osoo hin taane Opdo’lleen dhimma kana keessaa harka akka hin dhabne dubbatamaa jira. Ummata Oromoo naannoo Soomaalee irraa buqqa’aniillee geengoo kana keessa galchuuf tattaaffi addatti jirti waan taheef ummanni keenya shiroota kanaa fi kana fakkaatan dursee beekuun, waliif dabarsee, wal yaadachiisee tarkaanfachuu qaba ja’een yaada. Qabsoon keenya wayyaanee, sirnaa isaa fi jala deemtuulee isaanii diiguuf irratti xiyyeeffachuu qabna malee nuti eenyu illee walitti nu buusuu hin danda’u alagaan.
S.k

MD,2017