Adeemsi Keenya Garamitti?Akkuma wellisaan keenya Haacaalun jedhe Qabsoon Oromoo Arat Kiiloo seentee jirti.

Akkuma wellisaan keenya Haacaalun jedhe Qabsoon Oromoo Arat Kiiloo seentee jirti. Akkuma namni hundi argaa jirutti Wayyaaneen dhaabuma ADWUI/ EPRDF kanuma biyya ittiin saamudhaaf ijaaratte keessattuu o’aantummaan siyaasaa ishee cabee rakkoo hamaa keessa jirti. Ol’aantummaa siyaasaa dhabde kana deeffachuudhaaf immoo tarsiimoo garagaraa fayyadamaa jirti. Haaluma kanaan Qabsoo gaggeeffamaa jiru dirree siyaasaa keessaa gara dirree waraanaa ( from political sphere to security) geessuudhaaf yaalii godhaa jirti. Yaaliin ishee kuni garuu hamma ammaatti hin milkoofne. Rakkoo kana keessaa bahuudhaaf ji’a tokkoofii walakkaa oliif walgahii teessus furmaata dhabdee jirti. Walgahii koree Hoji Raaww’achiiftuu ADWUI/ EPRDF doorsisaan eegaltus akka feetetti nama jilbiiffatuuf argachuu hin dandeenye. Kanaafuu ammas dubbii dirree siyaasaa keessaa baasuun gara dirree waraanaa geessuuf wixxifataa jirti. Erga Lammaa Magarsaa ajjeechaa waraanni raaw’ate balaaleffatee seerummaa dhabsiisee as daranuu maraattee jirti. Yakka waraanni ishee raawwate kanaaf sababa uumufis Harargee Lixaa Daaroo Labuufi Hawwii Guddinaatti ummata nagayaa ficcisiiftee jirti.

Guyyoota itti aananitti walgahiin ADWUI/ EPRDF kun gara tokkotti bahuun isaa hin oolu. Itti bahiinsa tilmaaman keessaa;

1) TPLF doorsisaafi sossobbiidhaan yaada ishii fuidhachiisuun qondaalonni Oromoofi Amaaraa jajjaboo tahan sababa muudama ool’aanaatiin akka naannorraa ka’an godhuu malti. Odeeffannoon hanga ammaa qabnu akka adeessutti garuu karoorrri isaanii kuni waan milkaayaa jiru hin fakkaatu garuu dhibbaa dhibbatti jala muruu hin dandeenyu;

2) Sossobbiifi doorsisin ishii walgahicha irraa waan barbaaddu yoo argamsiisuufi baate suduudaan gara humnaa deemuu malti. Kanaaf ammoo qophii xumurtee jirti. Poolisifii federaalafii waraanaaf leenjii ololaa farra Oromoofi Oromiyaa ta’e ji’oota dabran keessa kennuun baay’inaan bobbaaftee jirti. Tarkaanfiin humnaa kun sadarkaa xiqqaatti hayyama mootummaa naannootiin alatti Oromiyaa too’annaa waraanaa jala galchuu yoo ta’uu sadarkaa hammataatti ammoo mootummaa Oromiyaa guututti aangorraa buusuu ta’uun ni mala;

Waan hundaafuu Oromoon tarkaanfii itti baha lamaan armaan olii kana irra aanuuf ammumarraa itti qophaayuun barbaachisaadha. Haaluma kanaan;

– Qondaalota Oromiyaa amma jiran kaasuun kittillayyoota kan fiddu yoo taate jarreen muudaman akka ishiin faanaan lafa hin geenya godhuu feesisa;

– Humna waraanaa waliigalaatin biyya qabattee wareegama guddaa gaafatus irra aanuun ni danda’ama. Kanaaf ammoo humni waraanaa sirnichaa akka haphatuufi fi hanqatu tooftaalee gargaaratitti fayyadamuu barbaachisa;

Hubadhaa: Mootummaan kamiiyyuu humna qofaan ummata bulchuu hin danda’u. Wayyaaneen Oromiyaa hanga har’aa kan bulchite paartii DHDUOfi caasaa ( birokraasii) MNO fayyadamuudhaaniifi ummata Oromoos doorsisuufi abdii kutachiisuudhani. Ummanni Oromoo dadammaqiinsaafi tokkummaa ajaa’ibaa irra gaheera. Kanaafuu ammaan achi doorsisaafi qoqqoddiidhaan bituu hin dandeessu. Caasaan lamaan ( DHDUO fi MNO) kun yeroo ammaatti harki guddaan gara ummataa goreera. Hojiin keenya caasaan kun daran ummataan walsimataa akka deemu gochaa lukkeelee ammas alagaan gabroomuudhaan ummata miidhuu barbaadan haphisuuf dhabamsiisuu barbaachisa. Yoo Wayyaaneen kan humnaan daran kan deemtu taate tooftaalee deeggarsa kennuu dhabuu/ noncooperation/ fayyadamuun caasaan lamaan faaydaa akka ishiif hin kennineefi qabsoodhaaf haala akka aanjessu gochuu irratti hojiin dalagamaa jiru jabaatee itti fufuu qaba.

Itti bahiinsa walgahii kanaa ofirratti caqasaa qophiin humna ofii jabeessuu itti fuffuu qaba. Hojii torbanoota dhufu hojjataman keessaa kan duraa falmaan tun akka Wayyaneen barbaaddu dirree siyaasaa keessaa baatee kan waraanaa akka hin seenne taasisuuf tooftaalee qabsoo nagayaatiin ijibbaata gahuun itti fufuu qaba. Waluma faana ammoo yoo dubbiin dhiibdee falmaan dirree siyaasaatii baatee battala waraanaa seente, humna keenya gama maraan jabeeffachuu gaafata. Kanarrattis hojiin eegale jabaatee itti fufuu qaba.

Ammaaf wantootni of eeggannoo gochuu qabnu kanneen asii gadiiti;

– Qondaalonni ol’aanoon ol’aantummaa siyaasaa qaban daran jabaachuun tumsa horachuu itti fufuu qaban. Heeraafi seera jarri ummata cunqursuuf baafattee itti gargalchuun afaanfajjii itti uumuun itti fufuu qaba. Yaalii ishiin waltajjiilee keessaa dhiibdee baasuuf gootu kamiiyyuu diduun waltajjii irratti ol’aantummaa bilchina yaadaafi onneetin itti fufuu qabu.

– Qaamni bulchiinsa olii hamma gadiitti ummata mariisisaa hojii idilee itti fufuu qaba. Waluma cinaatti ammoo yoo tarii jarri qondaalota ol’aanaa humnaan kaasuutti deemteefi bulchiinsa naannichaa dhuunfatutti deemte tarkaanfii bulchiinsa laamsheessuu fudhachuuf qophaahuu qaban.

– Qaamonni nageenyaa Oromiyaa hojii ummata waliin tahuun tasgabbii eegsisuu cimsuu qaban. saboota nu keessa jiraniif xiyyeeffannaa addaa gochuun nageenya isaanii mirkaneessuun hedduu barbaachisaadha. Kana keessa hawaasa kanneen waliin hariiroofi marii cimaa gochuun shakkii keessa akka hin galle abdii kennuufi barbaachisa. Waluma faana humnaafi qophii ofii cimsuun barbaachisaadha. Hanga dubbiin gara tokkotti baatutti hariiroon Agaaziifi poolisii federaalaa waliin jiru abshaalummaafi cimina guddaa gaafata. Yoo isaan nama xuqan malee itti bu’uun hin barbaachisu. Yoo mirgaafi aangoo bulchiinsa naannoo dhiiban ammoo ejjeennoon dura dhaabbachuun barbaachisaadha. Kana keessaa hidhamtoota ajaja mana murtii malee Oromiyaa keessa akka hin baafne dhoorguun, konkolaataafi qabeenya naannoo akka hin fayyadamne dhoorguunifi doorsiisa ummatarraan gahan dhoorguun barbaachisaadha.

– Barattoonni sadarkaa ol’aanaa hundi mooratti deebi’uudhaan mooraalee dirree qabsoo yaadaafi mormii gochuu qaban. Akkuma yeroo heddu jenne barattoonni yunivarsitiilee yeroo ammaatti mooraa yoo turan qabsoo irra gargaaran. Barattoonni sadarkaa duraafi lammaaffaas barnoota isaanii guututti addaan kutuu hin qaban. Dareetti deddeebi’uun gorsaafi qajeelfama barsiisota irraa fudhachuu itti fufuu qabu.

– Ummanni bal’aan hojii wal dammaqsuufi wal ijaaruu adeemsifamaa jiru daran cimsaa dhimmoota yeroo irraa gara yerootti dhufan irratti hoggansa ofii dhageeffachaa adeemuu qaba.

Walumaagalatti Wayyaanen waanuma feetes gootu qabsoo Uummata Oromoo sadarkaa isheen cabsuu dandeettu bira dabree jira. Kanaafuu qaamoleen armaan olitti eeraman hundi isaanii ciminaafi qindoominaan hojjachuun, yoo isaan kan humnaanis ofdura adeemuf kan yaadan ta’e
Oromiyaa guutuu keessatti sochii bulchiinsaafi diinagdee laamshessuudhaan karoorri ishiin humna waraanaa fayyadamuudhaan ol’aantummaa dirree siyaasaa deebiftee dhuunfachuuf gootu akka fashalu gochuun ni danda’ama.

Waa Hundaafuu qabsoon bakka murteessaa geessee jirti. Wal caqasaa deemna. Odeeffannoo argannus jala jalaa waliin gahaa deemna.

Dhugaa qabna
Tarsiimoon sochoona
Ni Injifanna!

#Jawar Mohammed