Humni liyyuu poolisii motummaa shiftaa wayyaanetin hogganamu ummata oromoo nagaan qubatu osoo ajjeesaa jiruu Mootumman shiftaa wayyaanee mummichi ministeeraa haylamaaram Dassalany Lubbuu oromoo irratti qoosee jira.polisi oromiyatu ummata soomaale ajjeese jechuun ibsa kenne

Humni Liyyuu Poolisii Soomaalee Goodina Harargee Lixaa Aanaalee Hawwii Guddinaa fi Daaruu Labuu Keessatti Lubbuu Oromoota 29 Galaafachuun Manneen Oromoo 369 Akka Guban Ibsame!

Ajjeechaan, saamichi, weerarrii, gochaan qabeenya mancaasuu Waraana Liyyuu Poolisii Soomaaleen geggeeffamaa jiru itti fufuun goodina Harargee Lixaa aanaalee Daaroo Labuu fi Hawwii guddinaa keessatti lubbuun ilmaan Oromoo 29 fi lubbuun dhalattoota Soomaalee 26 darbuu fi Manneen jireenyaa Oromoo 369 meeshaalee keessa jiran waliin guutummaatti gubachuun akka manca’e maddeen gabaasaniiru.

Aanaaleen Haroo Guddinaa fi Daaroo Labuu aanaalee Naannoo Soomaalee waliin wal hin daangessine yommuu ta’u, humni Liyyuu Poolisii daangaa qaxxamuruun amna dheeraa deemanii dhufuun Ilmaan Oromoo qulqulluu galaafachaa kan jiran yommuu ta’u, guyyaa dheengaddaa irraa eegalee hanga hammaatti gochaan ajjeechaa fi qabeenya barbadeessuu humnoota Liyyuu Poolisii Soomaaleen raawwatamaa akka jiru gabaafameera.

Mootummaan Wayyaanees/TPLF guyyaa kaleessaa dookumenterii sobaa dalaguuf, reeffa namoota ajjeefamanii vidiyootiin waraabuun xayyaara Hilikoopteraan fudhattee kan deemte yoo tahu, guyyaa hardhaas waraana dabalataa Hilikoopteera lamaa aanaa Daaroo Labuutti akka naqxe beekameera.

Harrichi Wayyaane Haylamaaram galgala kana ibsa rakkoo Harargee Lixaa Aanaalee Daaroo Labuufi Hawwii Guddinaa keessatti obboleeyyan keenya Soomalee waajjira Poolisii keessatti ajjefaman jedhe. Kuni kijiba adiidha. Miskiinnan ajjeefaman kun makkalakaayaan mana isaaniitii guuree bakka Hadraa Sheek Usmaan ykn Hoyyo aamin jedhamu kaayee, ajjeechaan kun raaw’atamuu guyyaa tokko dura dhiisee biraa deeme. Magaalaa Gaadulloo waajjirri poolisii humaatuu hin jiru.

Wanni waajjira poolisii maqaa dhayuuf poolisii Oromiyaa kan ajaja isaanii diddee aantummaa ummataafi mootummaa naannoo filatte maqaa balleessuufi. Hin milkaayan abadan!

This evening puppet minister Hailemaramiam Desalegn claimed Somali’s were killed in POLICE STATION in Gadullo town of West Hararge. He is deliberately lying to fit a narrative TPLF is building to attack Oromia Police and regional government. Those civilians were killed in warehouse used as place of worship and storage known as Hadra Shek Usman or Hoyyo Amina. They were collected from their home and placed there by the military which left them defenseless while they and local elders were begging. In fact there is NO police station in Gadullo town.

https://twitter.com/AbdisaAmin/status/942526612645601281