WAYYAANEEN QARUURAA SIYAASAA CACCABSITU IFUMAAF ITTI WARAANAMTI!

👉 WAYYAANEEN QARUURAA SIYAASAA CACCABSITU IFUMAAF ITTI WARAANAMTI!

(Saphaloo Kadiir irraa)

Baroota sadeeniif afran dabran kana siyaasaan wayyaaneen biyya Xoophiyaa ja’amtu tanaan bitaa ture qabsoo ummanni fi qeerroon Oromoo guutuun godhaa bahaniin akka hin jirre taatee, caccabdee, daarooytee jirti. Qabsoo hadhooytuun qeerroo Oromootiin durfamuun godhamaa turtee fi jirtu mootummaa abbaa irree wayyaanee harka micciiruun waan hedduu harkaa fuutee, injifannoo dacha dachaan gonfachaa turte. Torbaanuma kana injifannoon lagannaa gabaa guyyaa lama qofatti gonfanne laayyotti kan laalamuu miti. Hogganoota siyaasaa yeroo hedduu tolaan kadhannuus, karaa nagayaan gaafannuus gad lakkisuu waakkatanillee, yeroo baayyee kan akka daa’imaatti nutti qoosaa turan oomisha gabaa baafachuu dhiisuu qofaan harka wayyaaneetii futtaasuu danda’uun injifannoo guddaa dha. Amma ammoo qabsoo qeerroon finiinsaa jiru tana sodaatanii muummicha ministeeraa kan duraan maqumaaf illee taatu taa’ee barcuma oowwisu aangoo irraa ari’anii sirna dimokraasii mirkaneessaa jirra jechuun dhaadannoo buburrooytuun if dhaaduu feeti wayyaaneen.
Muummichi ministeeraa sababa aangoo gad dhiisuu isaa yoo dubbatu fakkii tahuu fi sirna dimokraasii mirkaneessuuf kan yaadame akka tahetti dubbataa bule. Haa tahuu garuu wayyaaneen barii ganamaa osoo hin eeggatin labsii yeroo muddamaa baaftee waggaa tokko hin caalle keessatti marraa lammaffoof muddama irraa if furuuf waraanaan biyyatti waggaa 24 guutuu quncisaa turan ammaas hayyama itti baafatanii komaandi poostii ji’a jahaaf labsuun biyyattiin kallattii maraan sirna bulchiinsa waraanaa kan komaandi poostii jedhamuun akka bultu godhanii jiran. Gama tokkoon dimokraasii hojiirra oolchuu fi fakkeenya tahuuf MM aangoo gad lakkise. Gama kaaniin ammoo biyyattiin shoorarkaa keessa jirti jechuun komandi poostii labsu. Waanuma wal fakkaatullee osoo walitti dhiheessanii gaariidha, kootaa fi maammudii walitti erbuun kun hoo maaluma? Dubbii wal rukutuu fi wal faalleessuun nama amansiisuuf yaaluun dadhabina hamaa dha. Dhugaan jiru ammoo muummicha ministeeraa kan duraanuu xalayaa maqaa qofaan aangoo irra jiru ari’anii komaandi poostii Oromiyaa irratti fe’uuf akka karoorfachaa turan beekuun salphaa dha. Labsii yeroo muddamaa baranaa kan bara dabree irraa wanti adda godhu yoo jiraate garuu biyyattiin bara dabre muummicha ministeeraa inshalishee qabaachaa turte barana ammo sanumallee dhabuun Xoophiyaan qilleensaan hogganamaa fi gaggeeffamaa jiraachuu isiiti. MM Haylamaariyam aangoo gad lakkise jechuu isaatiif biyyi jeequmsa keessa galti jechuun shakkanii komaandi poostii kana akka labsaniis ni hubatama. Addummaan biraa ammoo bara dabre qabsoo fi warraaqsi Oromiyaa keessatti finiinaa waan tureef isa dhaabuu fi qabbaneessuuf labsame jechuu ni dandeenya. Barana garuu osoo namni qabsoof warraaqsa godhee hin jirre lafuma aditti labsamuun kun shira wayyaaneen aangoo fi qoonqoos if harkatti eegsifachuuf baafattee labsatte qofa akka tahe tilmaamuun salphaa dha. Gama kaaniin sirni bulchiinsa naannoo Oromiyaa fi dhaabni Opdo murni Lammaa hanga danda’amutti of haaroomsuun ummata waliin waliif galee, Lammaaniis gooftaa biraa hin qabnu gooftaan keenya ummata jechuun wa’ada wayyaaneen gaafa Opdo hundeessitu ‘gooftaan keessan nuhi’ jechuun moggaasan san diiguun isaaniis wayyaanee waan naasise fakkaata. Hoggansi Oromoo fi ummanni waliif galee ‘toleef hayyeen’ akka waliin jiraatu wayyaaneen arguu hin dandeessu waan taheef, komaandi poostiidhaan ummataa fi hoggansa haareya kanaas addaan fooyuuf kan yaadamee labsame tahuu isaa agarra.

Akka haaloota mootummaa wayyaanee keessatti mudataa jiru irraa agarrutti dhimmi labsiin komaandi poostiin labsameef kan biraa Lammaa Magarsaa osoo saboonni Xoophiyaa harki caalu bakka MM banaa jirtu kana ni bu’a jechuun qaadhimanii jiranii, wayyaaneen Lammaa MM godhanii shuumuu mitii aanguma Pirezadaantii MNO irraallee kaasuuf kan yaadaaf kajeellaa qaban tahuu irratti mul’ata. Yoo tasa Lammaa aangoo pirezadaantii MNO irraa kan kaasan tahe ammoo ummanni jeequmsa waan kaasuuf kana to’achuufiis falli komaandi poostii akka tahe waan itti amanan fakkaata. Kan biraa ammoo, labsiin yeroo muddamaa kun garee Lammaa Magarsaa qofaaf osoo hin taane dhibbeentaa caaluun kan sodaatan hogganoota KFO wayta ammaa qaamaan mana hidhaa wayyaanee irraa qabsoo qeerrootiin baafaman kana gar malee sodaachuu fi fudhatama isaan ummata bal’aa biratti qaban waan beekaniif, onnattummaa, murannoo fi gootummaa isaanii waan beekaniif sochii fi warraaqsa isaanii danquuf kan yaadamee labsamee dha. Mana hidhaa dhiphaarraa gad lakkisanii mana hidhaa bal’aa keessatti waraanaan to’achuuf baaragan kan labsan tahuu akkaataa isaanii irraa hubachuun salphaa dha. Muummicha ministeeraa aangoorraa buusanii osoo eenyullee bakka bu’ummaan hin kaayin komaandi poostii labsuun kun nama hundatti ajaa’iba tahuu hin oolle. Gama biraatiin Wayyaanoonni haala amma agarru kanaan garee Lammaa Magarsaa haareya warraaqsa Oromootti dabalamte tana addaan dhilliyyanii kan tole isaaniif jedhe if jalatti galchuuf, kan dide ammoo kophatti baafatanii macalaasuuf akka toluuf haala mijjeeffachuuf kan labsamees tahuu hubachuun nama hin rakkisu. Silaa yeroof illee tahu bakka Muummicha Ministeeraatiif kan maluu fi wayta kanatti ulaagaa guutu Lammaa Magarsaa tahee osoo jiruu wayyaaneen biyya hogganaa hin qabne gaggeessuu filachuun isii kun fudhatama kan qabu akka hin tahin beekkamaa dha. Tahullee garuu biyyi isaan harkaa bahuu waan hubatteef nama ummata biratti fudhatamaa fi jaalatamummaa guddaa argate hojiin ala baasuun filannoo bakka bu’umma hin qabne akka tahe beekkamaa dha. Yeroo ammaa kanaas wayyaaneen garee Lammaa Magarsaa haareya diddiguurratti kan xiyyeeffatteefiis garee ummata biratti fudhatama argatte kana buqqaasuun qofa shakkii qabdu irraa bilisa if baasuuf tarkaanfiilee adda addaa fudhataa kan jiran akka tahe beekkamaa dha.

Wayyaaneen numa dhumna malee Muummicha ministeeraas hin fillu, mootummaa cehuumsaas hin ijaarru akkanumatti labsii yeroo muddamaa labsannee biyyattii humna waraanaa jala galchinee komaandi poostiin if eewalaa filannoo dhufaa jiru eegganna jattee waan murteeffatte fakkaatti. Wanti wayyaaneen hin hubatin, tan fuula durallee hubachuuf hin teenye, ummata gabrummaa didee muratee fincile warraaqsatti seene qawwee fi humna waraanaa miti bakakkaan samii tana caccabsitee irratti gad harcaaftullee wanti if duuba deebisuu gonkuma kan hin jirre tahuu, sirna ummanni balfee, abbu torbatti jibbee qabsoon fonqolchee galma isaa gahuuf warraaqsatti seene teephni sibilaa kamilleen akka irratti hin fiine, deemsa isaaniis kulloodni kamuu danqu akka hin dandeenye hubachuu dadhabuu isaaniiti. Komaandi poostiin tarii sochii ummataa hanga tahe yeroo muraasaafillee taatu danquu mala. Tahuus garuu onnee ummataa dangeessuu hin danda’amu. Ummanni Oromoo ammoo manatti galee taa’ullee isaaf qabsoo addaa tahuu lagannaa gabaa fi komaandi poostii kanaan duraa irraa bu’aa injifannoolee argateen baree jira. Gama biraatiin sirni bulchiinsaa kan yeruma gabaabaa keessatti wal jala labsii yeroo muddamaa labsee biyya tana keessatti ummata funyaan ureen boortaan bulcha kan ja’u gurra ol galuu fi gad galuttiis hin dhageenye, ija lamaanittiis hin agarre yoo wayyaanee taate malee. Saniifuu mootummaa maqaaf sirna dimokraasii qabatee deemu kan ummanni sin feenu, argaa dhageettii kee jibbine osoo ja’aniin, inni ammoo anaatu isiniif beeka, funyaan uree, gabrummaa dugdatti isin raree isin jiraachisa kan ja’u salphataa akka wayyaanee hin agarre.

Amma kan ummanni Oromoo osoo waliin hin dubbanne yaadaan waliif galu, wayta gamtaa fi tokkummaan Oromoo gararree gaaraa gahe kanaa miti gaafa yaadaa fi nyaataaniis, qaraa fi qoriiniis Oromoon xiqqo wal habaabiinsi diinni jidduu kaayee ture sanittuu komaandi poostiin kufaatii wayyaanee daran saffisuu malee qabsoo Oromoo qancarsuu fi maxachuu gonkuma hin dandeenye. Maalayyaa wayta ammaa kan onnattummaa fi quuqamni sabni waliif qabu tulluu daran tuulame, wayta ummata Iromoo jiddutti haxirri jaalalaa firfirfamee fi shukkarri kabajaa jiddutti bulbulame, wayta waliigaltee fi wal hubannaan Oromoo samii tuqee xiqqaaf guddaan, dhiiraaf dhalaan, qarreef qeerroon Oromoo akka hapheetti wal maxxanfatee qubaaf qeensa tahe kanatti komaandi poostiin laaftumatti qabsoo as geesse tana danqituuf kajeeluun, ummata addaan dhilliyitee, daandii wal qunnamtii isaanii kullooda shiraan danqitee, deemsa qabsoo Oromoo ugguruuf yaaluun, akkuma gaafa dura gaaraa dhufaniu afaan qawweetiin sirna tortoraa ayaaf honga dhabe kana kabuu fi haareyatti ijaaruuf if butuchuun, hawwii hoomachooytuun buxaaluu fi dhara dharraa hin anbareersineen farshaanuu daran dunquqqummaa siyaasaa hamtuu keessa jiraachuu wayyaaneetiis mirkaneessa, boodatti hafummaa fi dulluma siyaasaa isaaniis mul’isa.

Dhuguma silaa afaan qawwee fi humni waraanaa kan wayyaanee eewalu taatee, waraanaa fi baayyinni meeshaa lolaa kan sirna abbaa irree tursiisu tahee waggoota afran kana keessatti sirni wayyaanee akkanatti hin bututu ture. Waggoota 27’n dabran kana guutuu biyyi keessattuu Oromiyaan guyyaa tokko irree waraanaa jalaa bilisa taatee, ibidda jalaa baatee hin beektu. Osoo waraanni ummata mirga yakkamee dhiitee afaan qabachiisee bulchuu danda’ee maaliif isaan hin eewalin? Maaliif Oromoon qabsoo isaa hin dhaabinree? Hanga ammaan duraatuu daddaaqaallee taatu umriin turuu wayyaaneef kan sababa tahe tulluu dharaa ummata Oromoo jiddutti tuuluun, akka Oromoon wal hin dhageenyee fi yaadaan wal jalaa miliqu godhuuf ijaara qoree shiraa jiddutti jaaruun walirratti duulchisaa turuu isaaniitu qaawa milkii qooyseef. Amma ammoo carraan qaawa akkasiitiin hulluuqanii Oromoo walitti laaqanii jidduun milkii hammaarratan san gonkuma hin argamu waan taheef humnaa fi baasii, beekkumsaa fi yeroo if duraa gubuun sakaraata du’aa ofitti dheereessuun ala gatii tokko hin qabuuf. Oromoon qaawaa kaleessa diinni saaqee sutaa shiraatiin akka nuti wal hurunnuu fi mutaa qaraatiin akka nutummaan wal diddirruuf, akka qilleensi hammeenyaa hulluuqee keessaan nutti afuufamuuf banaanii turan san qabsoon qeerroo simida tokkummaatiin cuftee, cipha kuyyubboo dhugaatiin maragdee guutumatti jalaa duudee jira waan taheef, wayyaanee fi komaandi poostiin isaaniis gatii dhablee gataa raqaa tahuun ifa. Wayyaaneen isii durattuu daafantuu, isii qarri doomee dhiisii osoo hangamillee qarriffaan isii qara tahellee qeerroo qara qarsaan qaroo qare muruu hin dandeessu. Waan tahuu hin malletti dhiibachuun isaanii kun ammoo wayyaaneen gowwaa muka koree ifii gaditti muru tahuu isii nuuf mirkansa.

Walumaagalatti qabsoon Oromoo raaga ragaan deeggarame, rarraga malee raggaasifame tahuu haa hubatan. Arra akka kaleessaa jallaaf jallaankaan jalee jalaan hulluuqee shira jallinaa jal’isaa ture san jijjiiramee jira. Akka jallinni diriiree utubaa qajeelaa tahu irbuu Oromummaatiin miggaaramee jira. Waraanni wayyaanee komaandi poostiin aanaaf araddaa hunda hin gahu. Barana hamaa fi hamakkuun, daafanaa fi halbakkuun kaleessa wayyaaneen numa keessaa filattee, nuun filfilleeysitu san ni jira ja’amee hin yaadamu. Oromoo yaadaaf ilaalchaan waliigale, saba jaalalaan walitti dhangala’ee, kabajaa fi ulfinaaniis walitti baqee, dhugaa dhugoomfatee tokkummaan haasasamee walitti leele kana jidduu lilmeen dharaa akka seenuu hin dandeenye beekkamaa dha waan taheef qaawaa fi qawween kaleessa itti fayyadamuun bu’aa bubuutuu milkaa’aa turan san tasuma hin argamtuuf. Qabsoo Oromoo sodaatanii, sodaa kufaatii isaanii muddamanii labsiin yeroo muddamaa baasan kun daranuma isaan muddee qabsoo keenya mudaaf madaa malee akka muudu godhuuf daran wal dhaga’uu fi wal jala yaa’uu kan nu barbaachisu tahuu ammarraa yaannee itti hojjachuu qabna. Ilma Oromoo tahee komaandi poostii wayyaaneen koomaa keessa nu galfachuuf baafatte kana keessatti hammatamee kan naannoo keenyatti fedhiif faaydaa jaraa eeguuf, mirga saba isaa dabarsee shira alagaatti laachuuf argame mara gombisuuf murannoo qabaachuu fi wa’ada eeggachuun dirqama taha. Sirna wayyaanee hundeen bubuqqa’ee jiru kana guutumatti diguuf itti dhiiguun dilasii nu hin barbaachisu. Seeraaf heera sobaa kan isaanuu itti hin hojjanne nuti dirqamni itti nu hojjachiisu tokkolleen hin jiru. Qeerroon carraa labsii yeroo sardamaa komaandi poostii waraanaatiin akka nuti wal keessa hin yaanee daangeessuuf baafatte kanatti fayyadamuun haa wal mari’annuu, manatti galluus sadarkaa maatii irraa jalqabnee, hiriyyummaa fi walitti dhiheenyaan wal jaaraa, wal gurmeessaa, hubannoo keenya waliif cimsaa, tooftaa qabsoo keenya fuula duraa haa baafannu. Gaafa wayyaaneen akka nuti kaanee wacnu barbaaddu nuti haa usnee teenyu. Gaafa isiin taa’uu keenya barbaaddu nuti haa warraaqnu. Wayyaanee yartuu tanaaf yero yeroon hojii manaa haa laannuuf. Manguddoonni biyyaa, abboottiin amantaa fi abboottii gadaa dabalatee qeerroof qarreen namuusaa fi saansakkaa qabsoo eeggachaa haa qabsooynu. Hoggaas Wayyaaneen qaruuraa siyaasaa if jalatti caccabsaa jirtu kana akkuma ofiif ittiin waraanaman taasiisuu dandeenya. Nuti gallee taa’uun keenyaas qabsoo akka tahe hubachuu qabna. Jecha soorreessa keenya Jaarraa Abbaa Gadaa yaadannee, hojiirra haa oolchinuu. “Ummata walakkaa keenya hin geenye kana qawwee miti irraa bituu fi itti gurguruu dhiifnee, torbaanuma tokko yoo oodneenuu if keessaa yaafna” kan jedhe san hin dagannu. Dhuguma! Gaafa wal dhagayaa deemne callifnuus ni moo’anna. Kana ammoo yeroo baayyee hojiin agarree jirra. Bu’aa injifannoo inni argamsiisuus mirkaneeffannee jirra. Ammaaf ani yaada koo goolabe, waan na faana turtaniif galatoomaa. Jabaadhaa! Haqa qabna ni moo’anna!

“Qabsoon Oromoo raaga ragaan raawwatamee rarraga malee raggaasifame tahuu haa hubatan!”
Gurraandhala, 2018

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s